(Madda Oduu ABO/MOA/Gurraandhala 5,2011) MOA akka gabaaseetti, ilmaan Oromoo waajjira Daandiiwwanii Itoophiyaa Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Caancoo keessa jiran, sababa jeequmsa kaastan jedhuun Poolisa Federaalaa wayyaaneetiin marfamuun erga doorsifamaniin booda kanneen 13 ta’an arihamaniiru.
Ilmaan Oromoo haala kanaan arihaman maqaan isaanii nu dhaqqabes, Shamarree Masarat Gosaa, Shamarree Naardoos Kabbadaa, Ob. Gudataa (Nama qaama hir'uu ta'e), Ob. Kifilee, Ob. Tashoomaa, Ob. Alamaayyoo, Ob. Yaadannoo, Ob. Yoonaas, Ob. Biiniyaam, Ob. Barakat, Ob. Asaffaa yoo tahan ijoolleen lama ammoo yeroof maqaan isaanii ni hin dhaqqabne.
Godina Shawaa Dhihaa magaalaa Ambootti namoota 4 albeedhaan waraanaman keessaa lubbuun nama tokkoo battalumatti dabarte.
(Madda Oduu ABO/MOA/Gurraandhala 5,2011)Oromiyaa bakkoota hedduutti reebichi fi albeen waraanamuu dabalatee rakkoon nageenyaa dhalataa jiru, ummata yaaddoo guddaa keessa seensisee jira. Akka kanaan A.L.I.tti Amajjii 12 , 2003 Godina Shawaa Dhihaa magaalaa Amboo keessatti namoonti 4 waraanamaniiru. Kanneen keessaa namni ogeessa fayyaa tahe Tasfaayee jedhamu lubbuun dabartee jirti. Qaamni tarkaanfii suukaneessaa kana fudhataa jiru haga ammaatti ifatti beekamuu baatus, goolessitoota wayyaaneen bobbaafaman ta’uu hin oolu kan jedhus ni jira.
Mootummaan wayyaanees tahee, ergamtoonni isaa bulchiinsi naannichaa nu ilaallata ofiin jedhan, OPDOnni, yakkamtoota badii kana raawwatan seeratti dhiyeessuu fi jeequmsa jiru tasgabbeessuuf wanti hojjetan hin mul’anne. Haalli kun wayta ammaa kana hanga baadiyaatti babal'atuun hawaasni wabii nageeyaa dhabuudhaan rakkoo ulfaataa keesaa jiraachuutu gabaafame.
Kun kanaan odoo jiruu, Oromiyaa Godinoota hedduu keessatti mootummaan wayyaanee tajaajila hawaasummaa kan akka bishaan, ibsaa fi bilbilaa ummata irraa kuteera. Rakkoon kun torban tokko dura kan eegale yoo tahu, sababaan sirni wayyaanee bilbila manaa fi Moobaayilii addaan kuteefis ummanni mootummaa isaa irratti finciluuf akka ittiin waamicha waliif hin taasisneef yaaduu irraa tahuu keessa beektonni ni dubbatu.
Godina Wallagga Dhihaatti ergamtoonni galmee bara 2003(ALI 1995) irratti qorannoo gaggeessina jedhanii dubbiin eegalan itti garagaluun qondaalonni sirnichaa 12 hidhaatti darbataman.
(Madda Oduu ABO/MOA/Gurraandhala 5,2011)Godina Wallagga Dhihaa magaalaa Gimbiitti maqaa qorannoo galmee bara 2003 (ALI 1995) gaggeessina jedhuun sakattaan galmee eegalan yakka ergamtoonni naannichaa icitiin raawwataa turan saxileera.
Akka kanaan caalbaasiin manneen gatiin isaanii olitti gurguramaa turuu fi maallaqni guddaan dhimma dhuunfaaf oolfamuun isaa qorannoo kanaan saxilameera. Kunis dabballoota wayyaanee jidduutti walitti bu’iininsaa fi aarii uumuu irraa wal saaxiluudhaan namoonni 12 mana hidhaa Gimbiitti darbatamaniiru.
Kanneen keessaas Kantiibaan magaalaa Gimbii Obbo Tesfaayee Tuulii fi hojjettootni kutaa lafaa Ob. Xilaahun Waaq-wayyaa fi Ob. Iyyaasuu Dhiinaa gara mana hidhaa gidduu galeessaatti darbanii jiru.
Injinerootni Gadaa fi Yoseef jedhaman ammoo yakkii bifa icitiin raawwataa turan saaxilamuu irraa miliquuf odoo yaalanii qabamuun hidhamaniiru. Kantiibaan magaala Gimbii duraanii Ob. Saamu'eel Alamaayyoo fi manager Qorsaa Mokonnonis mana hidhaa keessatti akka argamantu ibsame.
Ergamtoonni kun galmee kana kaasuudhaan ummata nagaa dharaan yakkuuf akeekkatan illee albeen cubbuu qopheeffatan isaanuma murtee jirti.
I.U.Of!!