Ayyaanni guyyaa WBO fi barri haaraa kun akkuma aadaa Oromootti eebba maanguddootiin kan eegalame yoo ta’u, ittiinsuunis gootota Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo sadarkaa kanaan gahuuf lubbuu isaanii qaalii fi bakka bu’aa hin qabne wareeganiif yaadannoon daqiiqaa tokkoo godhamee jira.
Sirna kabajaa guyyaa WBO, kana irratti miseensi GS ABO fi gaafatamaan Birkii Beeksisii fi Odeessii ALaa, Jaal Gaashuu Lammeessaa, ayyaanni kun waggoota 30 dura dirree qabsootti eegalamuu isaa yaadachiisanii , “yeroo ammaa kana garuu guyyaan kun hawaasa Oromoo keessaa fi alaatiin kabajamuu irra gahuunsaa sadarkaan qabsoo keenya hagam hawaasa keenya hammachaa fi hirmaachisaa akka jiru agarsiisa,” jedhan.
Itti dabaluunis, qabsoo hadhaawaa finiinaa jiru galmaan gahuufis ummati keenya bara haarawaa kanatti waantota sadii irratti xiyyeeffatee akka hojjatu yeroo dhaaman, “Waraanni bilisummaa Oromoo deebisee of ijaaree humna qubattuu diinaa irratti tarkaanfii fi haleellaa boonsaa fudhachaa jira. Tarkaanfiin kun ammas bifa haarawaan jabatee akka itti fufuuf ummati keenyas WBO karaa maraan jabeessuu fi gargaaruu qaba,” jedhan.
“Diinni haala yaaddessaa ta’een biyya abbaa keenyaa, Oromiyaa, kukkutee alagaatti gurgurachaa, ummata keenya immoo lafa maleeyyii gochaa jira,” kan jedhan Jaal Gaashuun, “sababa kanaan ummati keenya dachii isaa irraa buqqa’aa, ergamtuu namaa ta’aa jira. Kun akka jijjiiramuuf, ummati keenya dachee abbaa keenyaa falmachuuf ka’uu qaba,” jechuun dhaamanii jiru.
“Tokkummaa keenya jabeeffachuun qabsoo finiinsuun dhimma sadaffaa irratti hojjatamu ta’uu kan hubachiisan Jaal Gaashuun, sabni keenya warren kutaa fi gosaan ummata keenya adda qoodan mara irratti duuluun saaxiluun sabboonummaa Oromoo ta’uu yeroo dubbatan, “kutaan mallattoo Itiyoophiyummaa ti. Itoophiyaa jibbinee, waanti kutaa jaalannuuf hin jiraatu. Noti Oromotti of-beekna; Oromoof wareegamna; Oromummaadhaanis qabsoofna”
Waggaa 30ffaa Guyyaa WBO kana irratti waraqaan qorannoo seena Waraana Bilisummaa Oromoo Jaal Maaramaa Quufii Fufaatiin dhiyaate akka hubachiisettis, ABO fi WBOn qabsoo hidhannootti kan seenan roorroo gita hin qabne saba Oromoo irraa buqqisuuf; garuu diinni kun akka laayyootti kan hin buqqaane waan ta’eef falmaa hadhawaa fi ulfaataa gochuun barbaachisaa ta’e.

“Roorroon Oromoo irra gahaa turee fi jiru kan daangaa hin qabne ta’uu kan hubatan qabsaa’oti kutatoon haala fokkotaa kana jijjiiruuf diina tuffatanii kuffisanii kufuuf qabsoo eegalan. WBOnis haala kanaan otuu kolfuu kufaa qabsoo Oromoo sadarkaa xiqqaa irraa maddisiisee yoonaan gahe,” jedha qorannoon kun.
Jaal Jamaal Haruun, gama isaatiin, qabsaa’oti bilisummaa Oromoo dirree bahaatti qabsoo yeroo eegalan haalli ture ulfaataa fi walxaxaa ta’uu yeroo ibsu, “yeroo san keessatti ABO rakknoota olaanaa keessa seenus, WBOn takkaa otuu hin jilbeeffatiin qabsoon Oromoo akka finniine dhaloota dhalootatti darbu godhe; qabsaa’oti Oromoo alaa fi keessaan diinni itti baay’atus kutannoo fi murannoon qabsootti cichan,” jedhe.
Haallen yeroo san WBO mudate ture ittiin yaadachuufis, guyyaan WBO kabajamuu akka eegale kan eere Jaal Jamaal, “Guyyaan kun akka har’aa kana otuu hin ta’iin , WBO biratti qofaa kabajamaa ture; WBOn beelaa fi dheebuu mara danda’ee dhaadannoo “Qabsaa’aan ni kufa; qabsoon itti fufa!” jedhuun wareegama bilisummaa baasaa akka dhufe addeessee jira.
Kana malees, mata duree “Gaachana Bilisummaa” jedhuun dokimeentariin oolmaa waraana bilisummaa Oromoo baroottan darbanii agarsiisu gabaabbinaan qophaa’ee kan dhiyaate yoo ta’u, WBOn qabsoo hadhawaa gochaa akkuma dhufetti, farreen qabsoo Oromoo balleessuufi hundee garbummaa buqqisuuf WBOn “anaannatee lola; ummatis kutannoodhaan qabsoo bilisummaa finiinsa,” jechuun xumurameera.
“Madaa ofirraa qabna; diinni ummata keenya irratti roorrisaa jira. Madaa kana qoorsuufi roorroo kana ummata keenya irraa buqqisuuf karaan jiru kutannee hojjachuu dha,” kan jedhe Weellisaa Kumalaa Addunyaa, “ummati keenya gumaa gootota isaa baafachuuf yeroon itti tokko ta’anii hojjachuu qaban yoo jiraate, amma,” jedheera.
Ayyaana kana irratti WBO jabeessuuf kan oolan suuraaleen gootota Oromoo fi meeshaaleen aadaa fi eenyummaa Oromoo calaqqisan kan dhiyaatan yoo ta’u, sabboontoti Oromoo sirnicha irratti hirmaatanis walmorkii guddaa agarsiisuun caalbasiiwwan dhiyaatan gatii boonsaan fudhatnii jiran.
Akkasumas, miseensoti ABO fi deeggartooti qabsoo bilisummaa Oromoo ayyaana kana irratti hirmaatan gumaata maallaqaa gochuun hirmaannaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti agarsiisan sadarkaa boonsaadhaan mul’isanii jiru.
Sabboonaan Oromoo, Jaal Foozii H/Bushuraa, suuraa gootota Oromoo mo’atee fudhate immoo, yeroo kana akka ibsetti, “suuraalee seena qabeessa ta’an kunneen caalbaasii irratti mo’adhee argachuun koo karaa tokkoon qabsoo saba kootii gargaaruu ta’us, hunda caala anaaf hiika addaa qaba; an har’a akka nama bilisoomettin of ilaala; guyyaa har’aa yoon du’e illee waan tokko natti hin fakkaatu,” jechuun kutannoo fi murannoo qabu sabboonummaan mul’ise.
Kana malees, sabboonaan Oromoo Ob Taakkalaa Waaqjiraa, Konyaa ABO Victoria jabeessuuf kan oolu meeshaa muuziqaa gatiin isaa doolara Au 1200 ta’e, kan arjooman yoo ta’u, yeroo kana “Saba koo baay’een jaaladha; ABO baay’een jaaladha.Kaayyoo saba kootiis baay’een jaaladha. Jaalala kiyya immoo mul’isuuf waanan qabu kennuun fedhe,” jedhanii jiru.
Kennaa kana keenuuf maalti akka isaan kakaases yeroo ibsan, “nuti hiree gaarii argannee biyya kana keessa jirra. Goototi keenya garuu baddaa fi gammoojjii keessatti qabsoo hadhaawaa gochaa jiru. Kun nuun akka sabaatti badii jalaa nu hambisee jira,” jedhan.
“Haata’uyyuu malee, qabsoon keenya amma illee galii isaa hin geenye. Goototi keenyas amma illee diina waliin walqabanii, kuffisanii kufaa jiru,” kan jedhan Ob Taakkalaan, “wareega isaaniin sabni keenya sadarkaa kana waan gaheef, goototi keenya ofii beela’anii, dheebotanii akka saba isaaniif darbu gochaa jiran waan dandeenyu maraan deeggaruu fi tumsuun dirqama kooti,” jedhanii jira.
ABOn bara 1973 keessa akka dhaaba siyaasaa tokkootti sirnaan qabsoo hidhannoo kan eegalee, gaaffii bilisummaa fi walabummaa Oromoof deebiin qajeelaa akka argamu gochuuf ta’uun beekamaa dha.
By
oromedia, on January 11, 2011 at 6:36 pm ,
I.U.Of!!