(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 26,2011) Irree fi gaachanni ummata Oromoo WBOn Godina Bahaa Harargee Dhihaa keessa sossohu Amajjii 23,2011 naannoo Dhungataa bakka Dhaga-boor jedhamutti waraana wayyaanee WBO sakatta’uuf bobba’aa ture irratti tarkaanfii haleellaa fudhateen 13 yeroo irraa ajjeesu 8 ol ammoo madoo taasisuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksise.
Loltootni wayyaanee du’aa fi madoo irraa hafan kara karaa faffaca’anii kan baqatan oggaa ta’u, WBOn lola kana irratti meeshaalee gara garaa diina irraa booji’uus Ajaji WBO Godina Bahaa ifa godhee jira.
Sochii WBOn taasisaa jiruun rifaatuu keessa kan gale wayyaaneen, Godinoota Harargee bahaa fi dhihaa keessatti araddoota mara irraa namoota 5, 5n dirqiin walitti qabee leenjisuun WBO dura dhaabuuf carraaqaa akka jirus hubatameera.
Kana malees fiilmii dharaa ABO irratti ololu kanaan dura ofumaaf qopheessee fi yeroon irra darbe araddaaleen qarshii 100, 100n bitanii akka daawwatan dirqisiisuun maallaqa irraa saamaa akka jiru illee ifa ta’eera.
WBOn Godina Shawaa Kaabaa fi Harargee Bahaa keessatti Amajjii 13 fi 19,2011 haleellaa waraana wayyaanee irratti fudhataniin loltoota 22 ol hojiin ala taasisuun isaanii ni yaadatama.
I.U.Of!! |