(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 22,2011) Irree fi Gaachanni ummata Oromoo WBOn Godina Kaaba Shawaa keessa sossohu tarkaanfii humna qubattuu waraana wayyaanee irratti fudhataa jiru jabeessee itti fufuun Amajjii 13,2011 bakka Shawaan Kaabaa fi Dhihaa itti wal daangessu naannoo laga guddaa Mogor ganda Wiliccoo Bishaan Jabbii jedhamutti tarkaanfii haleellaa irratti fudhatuun 14 yeroo irraa ajjeesu 6 ol ammoo madoo taasisuu oduun tarkaanfii waraanaa nu dhaqqabe ifa godha.
Lolli kun halkan keessaa sa’aa 11:00tti eegalee haga sa’aa 1:00tti kan geggeeffame oggaa ta’u, gootichi WBO lola kana irratti meeshaalee lolaa adda addaa fi rasaasa baay’ee waraana wayyaanee irraa booji’ee jira. Loltootni wayyaanee du’oo fi madoo irraa hafan kara karaa faffaca’anii kan baqatan oggaa ta’u, akeeki bobbaa isaaniis guutummaatti fashaluu WBO Godina Kaaba Shawaa ifa godhee jira.
Guyyuma kanatti humni waraana wayyaanee biroon sochii WBO Godina Kaaba Shawaa daangessuuf socho’aa ture WBOn haleelamee akeeki bobbaa isaa duraa fashaluu oduun kun dabalee hubachiisa.
Waraanni wayyaanee Godina kana keessatti WBOn haleelamaa jiru aarii isaa ummata meesha maleeyyiitti bahataa akka jirus ibsameera.
Gama biraan Humni Addaa WBO Godina Bahaa Amajjii 19,2011 Harargee Bahaa magaalaa Harar bakka Shankoor jedhamutti loltoota humna ittisaa wayyaanee 2 irratti tarkaanfii battalaa fudhateen ajjeesee jira.
Waraanni wayyaanee Godinoota Harargee bahaa fi dhihaa keessatti tarkaanfiin haleellaa WBOn isa irratti fudhatamu jabaachaa waan dhufeef, gantoota durii warra akka Ari’aa Daadhii, Dambalii fi Abaadir Mahaammad jedhamanfaa of cina hiriirsuun duula sakattaa bal’aa geggeessaa akka jiru barameera. Miseensotni, deggertootni, sabboontotnii fi hawaasni bal’aan godinichaa kana hubachuun akeeka diinaa fashalsuu fi eegumsa feesisu fudhachuuf dammaqinaan akka socho’an Ajaji WBO Godina Bahaa dhaamsa dabarsee jira.
I.U.Of!! |