(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 22,2011) Oduun nu gahe akka hubachiisanitti Konyaan ABO Jiddaa fi Jaarmayaan Hawaasa Oromoo magaalaa Jiddaa Guyyaa WBO Amajjii 1 kan kabajatan gaafa Amajjii 13,2011tti. Waytuma kana cimina WBOf kan oolu qarshii 2245 gumaachanii jiran. Xumura irratti ibsa ejjennoo baafachuun sirna ayyaanichaa milkiin gudunfatan.
Haaluma wal fakkaatuun Tokkummaan Baqattoota Oromoo Yeman Amajjii 1 guyyaa WBO sirna bareedaan kabajachuu isaanii oduun bubbulee nu gahe ifa godha. WBO jabeessuuf tinnisa qabsoo erga godhaniin booda, ibsa ejjennoo baafachuun sagantaa isaanii obbaasan.
Hawaasni Oromoo magaalaa Assabitti argamus guyyaa WBO bifa bareedaan kan kabajate oggaa ta’u, waytuma kanas dhimma qabsoo irratti marii godhatanii jiran. Hooggana QBO ABOn durfamu jalatti hiriirree ga’ee keenya ni baana erga jedhanii booda, mooraa QBO cimsuuf sochii araaraa ABOn godhaa jiru kan deggeran ta’uu hubachiisan. WBO jabeessuufis waan danda’aniin kan cina dhaabbatan ta’uu beeksisan.
Godina Lixa Shawaa keessatti ummatni OPDOf maallaqa kennuu dide.
(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 22,2011)MOA akka gabaasetti Godina Lixa Shawaa Onoota Amboo, Gudar, Calliyaa, Geedoo, Midaa Qanyii, Iluu Galaan, Xiqur-incinnii, Jalduu, Daannoo fi bakkeewwan birootti maqaa waldaa misooma Oromiyaaf maallaqa kennaa jedhuun saamicha ergamtootni wayyaanee OPDOn geggeessuuf saganteeffatte ummatni dura dhaabbatee morme.
Gandi qonnaan bulaa tokko qarshii 100,000, tokko akka gabaasu itti murteessitu illee qonnaan bultootnii fi hojjettootni Onoota kanneen keessatti argaman walta’uun mormii isaanii wayta dhageessisan, maallaqa laannus hin qabnu jechuun didaniiru.
Kanaan dura maqaa baazaarii misoomaa jedhuun qarshii humnaan olii nu irraa saamuun dhuunfaa keessaniif oolfattan; amma immoo maqaa waldaa misooma Oromiyaa jedhuun qabeenya keenya saamuu hin dandeessan jechuun diddaa isaanii mul’isaa jiran.
I.U.Of!! |