(Madda Oduu ABO/MOA, 3 Amajjii 2011) Saboontotni Oromoo maadheelee biyya keessaa jalatti ijaaraman Ayyaana Amajjii fi Guyyaa WBO sirna hoo’aan kabajachuun isaanii gabaasame. Maadheeleen kunneenis ibsa ejjannoo baafatan keessatti ABO cina hiriiranii dirqama barbaachisu kennuuf qophaa’oo akka ta’an beeksisaniiru.
Maddi Oduu ABO akka gabaasetti maadheeleen sabboontota Oromoo walitti dhufuun haala ho'aan ayyaana kana kabajatan, maadhee Bakkalcha Haramaayaa, maadhee Dachee Oromiyaa 430, maadhee gootota Gaara Mul'ataa fi maadheen yaadannoo goota barataa Gaaddisaa Hirphasaa lakk-1 dha.
Kana malees, ayyaanni kun sabboontota Oromoo naannoo adda addaa keessa jiranii fi barattoota sabboontota ta'aniinis kabajamuun beekamee jira.
Maadheeleen sabboontotaa ayyaana kana irratti walitti dhufuunii kabajatan akka ibsanitti mootummaan wayyaanee akka sabboontotni Oromoo ayyaana kana hin kabajanneef humnoota isaa bobbaasuun naannoo keessa facaastu illee of eeggannoo cimaan bakka isaan hin yaadnetti qophiin ganama irraa kaasee eegalee hanga galgalaatti fulla’uun milkaa'era.
Ayyaanni kun akkuam aadaa Oromootti eebbaan jalqabee, yaadannoo gootota wareegamaniif godhameen booda, kaayyoo Amajjiin 1 itti ayyaaneffatamu, dhaamsa ABO irra ergamee fi dhimmota ciccimoo ta’an irratti mariin balaa godhamee jira.
Miseensotni maadheelee kanaa marii haala ijaarsaa fi tokkuummaa ilmaan Oromoo cimsuu fi qorannoowwan ciccimoo akkaataa qabsoon fiixa ba'uu fi babal'atu irrattis marii'atuun dirqama Oromummaan isaanitti kenname beekuudhaan akka fudhatan MOAf ibsanii jiru.
Ayyaatni kana irratti barreeffamoota sabboontotaaf hubannoo kennan kan dhiyaatan yoo ta’u, Dungoon diimaa-magariisa-diimaa qabsiisuunis ayyaanicha kan miidhagsaniiru.
Ayyaatni kun haaluma walfakkaatuun maadheelee fi sabboontota Oromoo biyya keessaa kan akka Yuunivarsiitii Adaamaa, Finfinnee, Hawaasaa, Arbaaminchi fi bakkeewwan biroo keessattis kan ayyaanaffatame ta’uun barameera.
Maadheeleen kunneen sabboontota barattoota Oromoo doormiitti dhuunfaa fi gareen ayyaanicha kabajaniifis dhaamsa baga geessanii fi tokkummaa ilmaan Oromoo jabeessu of keessa qabu dabarsaniiru.
Kana malees, Sabboontota Oromoo hamilachiisuu fi karaa dhugaa ABO akka deeggaranii fi cinaa dhaabbatan barsiisuufis waadaa kan seenan miseensotni maadheelee kanaa, qabsoo ittaanuufis kutannoo fi mul'ata guddaan akka socho’an murteeffatanii jiru.
Saboontotni ayyaana kana irratti argamanis ergama dhaabaa guutummaa guutuutti fiixan akka baasanii kan mirkaneessan yoo ta’u, akkaataa isaaniif mijatu irratti akka hojjatan illee erga marii'atanii booda ibsa ejjannoo qabxiilee 10 of keessaa qabu kan baafatan ta’uun beekameera.
IBSA EJJENNOO MAADHEELEE BIYYA KEESSAA
- 1. Waadaa haalaan hin daangeffamne waliif seennee dhaaba keenya ABO waliin hiriirree ajajaa fi dirqama nutti kenname ni baana;
- Ayyaanota Oromummaa waliin wal qabatan ni ayyaaneffanna. Kanneen ilmaan habashaa fi garbummaa ilmaan Oromoof kabajaman immoo gaddaan dabarsina. Karaa danda'ames fashaleessuu ni yaalla.
- Maadheelee Oromiyaa guutuu fi alatti jiran waliin taanee ni hojjenna. Maadhee guutummaa Oromiyaatti ni babal'isna, ni tumsina.
- Nuti ilmaan Oromoo saba bal'aa waan taaneef saba bicuu jalatti hin bullu; kanas mirkaneessuuf gahee nurraa eegamu ni baana.
- Arrabsoo, hidhaa, ajjeechaa, guutummaa guutuutti cunqursaa ilmaan Oromoo irra jiru ni mormina. Gahee nurraa eegamus ni baana.
- Kaayyoo wareegamtoota ABO fakkeenya godhachuun Qabsoon Bilisummaa Oromoo akka galmaan ga'uuf gahee nurraa eegamu ni baana.
- Dhiibbaa baqattoota irra jiru ni mormina. Jaalleewwan qabsoo keessaas cinaa ni dhaabbanna. Gahee nurraa eegamus ni baana.
- Ilaalcha garaa gartummaa ilmaan Oromoo gandaan, amanttin wayyaaneen gargar qooduu barbaadu ni mormina. Sagalee keenyas ni dhageessisna. Ilmaan Oromoo dogoggoranis ni barsiifna.
- Oromiyaa bilisoomte dhaaba keenya ABO waliin taanee arguuf gahee nurraa eegamu ni baana.
- Qajeelfama dhaaba keenya ABO irraa dhufu ni fudhanna. Hojiin irra oolchuufis qophii dha.
--
I.U.Of!!