(Madda Oduu ABO/MOA Amajjii 7, 2011) Abdii fi gaachanni ummata Oromoo WBOn Godina Bahaa Harargee Dhihaa keessa sossohu, Mudde 24,2010 loltoota wayyaanee sakattaa fi ummata hiraarsuuf bobba’aa ture Ona Daaroo Labuu bakka Gadarraa jedhamutti haleeluun 7 irraa ajjeesuun, 4 ol ammoo madoo taasisuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksisee jira. Tarkaanfii kanaan hidhannoon diinaa kan booji’ame oggaa ta’u, akeeki bobbaa waraana wayyaanees duraa fashalee jira. Tarkaanfii laalessaa irratti fudhatamaa jiruun kan aare waraanne wayyaanee akkuma bare ummata meesha maleeyyii hiraarsuu irratti bobba’ee jiraachuunis hubatameera. Waraana Bilisummaa Oromoo isintu nu rukuchiisaa fi gargaara maqaa jedhuun namoota nagaa hiraarsaa fi hidhaatti guuraa wayta jiran, WBO tu itti gala kan jedhuun bosonas ibiddaan mancaasaa jiran. Mootummaan wayyaanee sochii WBOn hanqisnaa fi ummatan irraa jiilchina kan jedhuunis magaalaa Jijjigaa irraa hanga Cirootti, akkasumas naannolee sanatti humna Federaalaa bobbaasuun ummata nagaa hidhuu, dhaanuu fi qabeenya duraa saamuutti bobba’ee jiraachuun gabaafameera. Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa tarkaanfii humna qubattuu wayyaanee irratti fudhatu cimsee kan itti fufu ta’uu hubachiisuun, ummatnis tarkaanfii dabumaa diinaaf osoo hin jilbeenfatin deggersa WBOf godhuu fi sochii qabsoo itti jiru cimsee akka itti fufuu qabu Ajaji WBO Godina Bahaa dhaamsa dabarsee jira. WBOn Godina Bahaa fi bakkoota adda addaatti argaman Amajjii 1, guyyaa WBO haala gaariin kabajatan; akkasumas miseensotnii fi deggertootni ABO biyya keessaa fi alaa, barattootni dhaabbattoota barmootaa adda addaas bifa gara garaan ayyaaneffatanii jiran. (Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 6,2011) WBOn Godina Bahaa Amajjii 1, guyyaa WBO haala bareedaan kan kabajate akeeka bobbaa diinaa fashalsaa, diina irrattis tarkaanfii fudhataa fi sochii isaa babal’ifataa wayta jiru keessatti. Ummata bal’aa Oromoonis baga Guyyaa WBO fi bara haaraan isin gahe jedhee jira. Humni WBO Zoonii Odaa Shaakkisoo keessatti argamus baga guyyaa WBO Amajjii 1n isin gahe jechuun dhaamsa qabu ummata Oromoof dabarsuun, bara kanatti hidhannoo keenya jabeeffannee tokkummaan diina keenya irratti injifannoo ni galmeessina jedhee jira. Kabajaa guyyaa WBO Amajjii 1 bakkoota gara garaatti geggeeffaman irratti gabaasa bal’aa qopheeffanne xumura sagantaa keenyaa irratti isiniif dhiheessina.
I.U.Of!!