Hirrira Nagaa Munsheen
Maddi Oduu ABO. MOAn, magaalaa Munsheen keessaa akka gabaasetti sagantaan hirira nagaa hawaasti Oromoo Munshen fi hawaasi Ogadeen waliin ta`uun magalaa gudditti kibba Jarmanii, Munsheen, keessatti Guraandhala 5 bara 2011 qindeessan milikiin xummurame jira.
Hirirri kun ganama saatii 9:00 AM irraa egalee amma waare booda saatii 16:00 (10:00 PM)kan geggeffame yoo ta’u, kaayyoon hiririchaa walgayii 47ffaa mata dureen isaa “International Global Security Conference” (walgayii tasgabii fi nagaa addunyaa) jedhamu irratti bakka bu`aan motummaa Wayyaanee (TPLF), Ministeerri Mummee Itoophiyaa, Mallas Zeenawwii, afeeramuu mormuu fi yakkooto dhiittaa mirga dhala namaa motummaa isaan raawatamaa jiru saaxiluudhaaf ta’uu qindeessitooti sagantaa kanaa MOAf ibsanii jiru.
Hiriira nagaa kana irratti namooti qooda fudhatan ummatoota Oromoo fi Ogaaden biyyoota Awuropaa keessa jiraatan,, hiriira kana irratti gamtaan argamuun mataan sirna Wayyaanee walgahii addunyaa kan dhimma nageenyaa fi tasgabbii addunyaa irratti maryachuuf qophaa’e irratti akka argamu afeeruun mataa isaatiinuu qaanii fi saalfachiisaa ta’uu hubachiisan.
Hiriirtoti kunneen dabalanii akka ibsanitti, mataan mootummaan biyya isaa keessatti nagaa fi tasgabbii buusuu hin dandeenye, akka dhimma addunyaa irratti argamuun godhuun waliigaltee addunyaa dagachuu ta’uu ibsanii jiru.
Keessaayyuu, naannoo walgayichi geggefamaa ture, fuuldura bakka Modehaus Oberpollinger jedhamutti alaabaa fi suuraalee qabachuun kan hiriirame yoo ta’u, dhaadannoleen afaan Oromoo, afaan Jarmanii, fi afaan Ingiliziin saatii 9:00 – 13:00 dhagessifameera.
Hirrira Nagaa Munsheen
Dhaadanolee hedduminaan dhagessifaman kessaa xiqoshee tuquf: Motummaan TPLF farra nagaati!; Motummaa fashistii gargaaru dhabachisaa!; Stop TPLF`s extrajudicial killings!; Meles Zenawi is the killer! Meles Zenawi is terrorist!; Peace and stability for Horn of Africa!; No democracy no assistance should be in action, Meles Zenawi ist ein diktator!; Keine Zusammenarbeit mit diktatur!!!; fi kkf turan.
Jaarmiyoota kabajamu mirga ilmaan namaa fi nagaa dhaaf qabsawaan waliin ta`uun sagantaa qindaawe irratti saatii 13:00 – 16:00 amna hirira nagaa millaan kiloo metira shan (5 km) ademame hirmaachuu kessaan sagaleen ummatoota cunqurfamaa gara gurra jaarmiyoota sabaa-himaa hedduutti dhageessifameera.
Faanfileta (barrulee gaggabaabduu) afaan Jarmaniin qopheefamanii fi odefannoolee waa`ee dhittalee mirgoota dhala namaa motummaa TPLF geggessaa jiru ibsan, kanneen waa`ee gaafilee haaqa ummata Oromoo ibsan, fi kanneen tasgabii fi nagaan gaanfa Afrikaa motummaa TPLFn borawaa jiratuu ibsan karaa irratti namoota hedduudhaaf raabsamaniru.
Kana malees, Xalayaan iyyannoo (Appeal letter) afaan Jarmaniin qophefamee gara dura ta`aa koree qindeesitu konfirensii 47faaf kan ergame ta’uu MOAn dabalee gabaasee jira.
http://www.youtube.com/watch?v=JggZg2DXiuM