(Madda Oduu ABO/MOA/Gurraandhala 10,2011) Sabboontonni Oromoo maadheelee Kg100 fi Urjii Amboo jalatti kurfaa’an Amajjii 1 guyyaa WBO ilaalchisuudhaan marii erga gaggeeffataniin booda dhaaba isaanii ABO jabeessuuf gumaacha maallaqaa taasisaniiru.
Hanga bilisummaa ummata Oromoo mirkanaawutti deeggarsa taasifnu itti fufna kan jedhan ilmaan Oromoo maadheelee kanneen jalatti ijaaraman irree fi wabiin ummata Oromoo, WBOn, tarkaanfii inni diina irratti fudhachaa jiru dinqisiifatanii tarkaanfiin kun akka cimuuf gama hundaa kan cinaa dhaabbatan tahuu waadaa isaanii haaromsan.
Sabboontonni Oromoo maadheeleen ijaaraman Amajjii 1, guyyaa WBO kabajatanii ABO jabeessuufis gumaacha maallaqaa taasisan.
(Madda Oduu ABO/MOA/Gurraandhala 10,2011) Sabboontonni Oromoo maadheelee Kg100 fi Urjii Amboo jalatti kurfaa’an Amajjii 1 guyyaa WBO ilaalchisuudhaan marii erga gaggeeffataniin booda dhaaba isaanii ABO jabeessuuf gumaacha maallaqaa taasisaniiru.
Hanga bilisummaa ummata Oromoo mirkanaawutti deeggarsa taasifnu itti fufna kan jedhan ilmaan Oromoo maadheelee kanneen jalatti ijaaraman irree fi wabiin ummata Oromoo, WBOn, tarkaanfii inni diina irratti fudhachaa jiru dinqisiifatanii tarkaanfiin kun akka cimuuf gama hundaa kan cinaa dhaabbatan tahuu waadaa isaanii haaromsan.
Godina Wallagga Dhihaatti ergamtoonni galmee bara 2003(ALI 1995) irratti qorannoo gaggeessina jedhanii dubbiin eegalan itti garagaluun qondaalonni sirnichaa 12 hidhaatti darbataman.
(Madda Oduu ABO/MOA/Gurraandhala 10,2011)Godina Wallagga Dhihaa magaalaa Gimbiitti maqaa qorannoo galmee bara 2003 (ALI 1995) gaggeessina jedhuun sakattaan galmee eegalan yakka ergamtoonni naannichaa icitiin raawwataa turan saxileera.
Akka kanaan caalbaasiin manneen gatiin isaanii olitti gurguramaa turuu fi maallaqni guddaan dhimma dhuunfaaf oolfamuun isaa qorannoo kanaan saxilameera. Kunis dabballoota wayyaanee jidduutti walitti bu’iininsaa fi aarii uumuu irraa wal saaxiluudhaan namoonni 12 mana hidhaa Gimbiitti darbatamaniiru.
Kanneen keessaas Kantiibaan magaalaa Gimbii Obbo Tesfaayee Tuulii fi hojjettootni kutaa lafaa Ob. Xilaahun Waaq-wayyaa fi Ob. Iyyaasuu Dhiinaa gara mana hidhaa gidduu galeessaatti darbanii jiru.
Injinerootni Gadaa fi Yoseef jedhaman ammoo yakkii bifa icitiin raawwataa turan saaxilamuu irraa miliquuf odoo yaalanii qabamuun hidhamaniiru. Kantiibaan magaala Gimbii duraanii Ob. Saamu'eel Alamaayyoo fi manager Qorsaa Mokonnonis mana hidhaa keessatti akka argamantu ibsame.
Ergamtoonni kun galmee kana kaasuudhaan ummata nagaa dharaan yakkuuf akeekkatan illee albeen cubbuu qopheeffatan isaanuma murtee jirti.
|