(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 28,2011) MOA akka gabaasetti Godinoota Oromiyaa hunda keessatti qonnaan bultootni, hojjettootni mootummaa fi barsiisotni maallaqa waldaa jedhame kanaaf gaafataman kan hin kennine ta’uu mul’isaa jiran.
Hojjettoota mootummaa manneen barumsaa fi waajjiraalee keessatti amansiisanii miindaa ji’a tokko tokkoo akka kennan gochuuf yaaliin godhan fashalaniiru. Keessumaa manneen barumsaa Baakkoo Sad2ffaa, Dambii Gobbuu fi Gaajjoo keessatti mormiin barsiisota irraa ergamtoota wayyaanee mudate guddoo isaan rifachiisuu maddeen keenya ifa godhu.
Waajjiroota galiii, abbaa alangee fi waajjira qonnaa Ona Baakkoo Tibbee keessattis mariin taasifame bu’aa tokko malee addaan faca’uun hubatameera.
Kana irraa kan ka’e Ona kana irraa qarshii miliyoona 5 fi kuma 300 akka walitti qaban kan wayyaanotni isaan ajajan ergamtootni argamsiisuu dadhabuun sodaa guddaa keessatti kufanii jiran jechuun maddeen keenya ni mirkaneessu.
Mootummaan wayyaanee hir’ina maallaqaa isa mudate keessaa bahuuf maqaa adda addaa dhahatee lammiiwwan Oromoo irratti saamicha geggeessu babal’isuu maddeen keenya ibsan.
(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 28,2011)Haaluma kanaan karaa ergamtuu isaa OPDOn maqaa gibiraa fi buusii dhaabaa jedhuun qonnaan bultootaa fi barattoota akkasumas daldaltoota saamaa jiran.
Buusii dhaaba maxxanneef qonnaan bultootni kana dura qarshii 6, 6 wagga waggaatti akka buusan kan itti murtaa’ee ture; yeroo ammaa qarshii 12, 12 akka laatan irratti muramee jira.
Qonaan bultootni baay’een gatii xaa’oo fi sanyii filatamaa humnaan akka fudhataman dirqisiifaman waan kafalan dhabuu irraa mana murtiitti dhiheeffamanii qabeenya qaban saamamaa akka jiranis barameera.
Ummata qaala’iinsa jireenyaan rakkataa jiru irraa maqaa adda addaa dhahatuun wayyaaneen maallaqa saamaa jiruun kiisii isaa gabbifataa akka jirus maddeen keenya ni hubachiisu.
I.U.Of!!
|