(Madda Oduu ABO/MOA Amajjii 2, 2011) Ayyaana Amajjii 1 guyyaa WBO konyaa Netherland, torbee tokkoo as butun mudde 25, 2010 magalaa Bilthoven sirna bareedaa dhan Miseensoota, deggertoota fi maraarfatoota QBO ttin walitti dhufuun sirna gaariin kabajanneera. Guyyaa kana akka as buutnne kabaajanu kan nu taasiise, haala bakki jereenya namoota keenya magaala adda addaatti faca'ee waan jiruuf fi gaafa amajjii tokkoo gejibni guutummaati waan jirree fi toban tokko as bunne kabajachuuf dirqmne jira.
Sirna ayyaana WBO kana irratti kan argaman namoota bakka adda addaa jiraatan waan ta'eef jalqaba sagantaa wal beksiisuu tin waaree booda sa'aa 13 eegale. Akka aadaan kabaja sirna kanaa beekamuu tti dungoon qabsiisame eebbaa maanggoddoota laman waldura dubaan godhameera. Itti aansuun faaruu alabaa akka farfatamen, seena WBO tu ibsame. Ibsa Seenaa kana kessa tti waraanni bilssummaa oromo yoom akka jalqabame, eenyun fi eessatti akka jalqabame, akkasumas WBO rakkolee akkamii tu isa mudate, rakoolee sana keessaa akkamitti akka damdamte, Maaliif fi yoom irra kaasee akka ayyaana kana kabajuu jalqabe gadi fageenya erga ibsamee booda, itti dabaluudhan WBO gidiraaf rakkina hedduu keessa darba qabsicha bakkan ga'u hanqatu ille, injifannoo salphaa tti ilaalmane uumataa keenya gonfachisee, har'ra ille diina kufisa kufa jiru, bori s abdiin keenya WBO akka ta'e guutummaati ifa godhameera.
Sagantichi ittuma fufuu dhan sirboota qabsoo fi walaloo rakkoo darbe nama yaadechiisuu, akkasumas kan hedduu nama jajabeesuu fi erga bareedaa kan ofkeessa qabu Jaal inkoosa Gurmeessa tin dhi'ate jira. Bifuma walfakkaatun amajjin 1 dirre irratti, biyya keessa tti, biiya ambaa tti akkamttin kabajama as gha'e saganta jedhu itti fufun, nammoni adda adda bakka rakkisaa ta'etti ille sagantaa adda addaa geggesuun akka kabajataa turan wal dura duban ka'an hirmotoota qophii kanaaf ibsa bal'laa godhaniiru. Halluma kanan WBO hummata isa sabo Oromo irra kana hafe durii kaasee amma ammaa tti gargaarsa ykn tumsa tokko akka hin qabne guyyaa har'raa ille rakkina cimtuu keessa akka jiru Jaal Dasuu Duulaan dhamsi erga darbee booda, hirmatoonni warri qaaman qophii kana irratti argaman batalumatti gumaata WBOf arjoomun, kan qaaman hin argamne ammoo bilbilan waada nuuf galun, waluma gallatti gargaarsa WBO tiif Euro 3330,00. gumaachaniiru.
Namoontni murta'e kan qaaman dhufuu hin dandeenye akkasumas warri bilbile quunamuu yeroof dhabne garuu gargaarse WBOf gochuu akka danda'an gammachuun dhan ibsina .Nomaata tumsa kana godha keessaa J/ Dr. Baaroo Qannoo, nama waraana bilisumma oromoo ture, amma jireenyan Biyya Belgium tti kan jijjirratee, akka kessumma tti ayyaana kana irratti argmee , WBO Euro 400,- gumaata godhee jira. Jaaalli kun inna jireenyan biyya Netherland tureetti, namoota Konyaa ABO Netherland bu'uressan keessa isa tokko qofa etu hin taane, lammii isaa gargaaruuf, beekumsa isa, humnna isaaf qabeenya isa nama ofqusate hin bekne, gara fulduraattis gargaarsi isaa akka itti fufu dabalee waadaa isaa haaroomsee jira. Akkasumas hirmmatoonni ayyaana kana irratti argaman hundi isaani waan danda'an kallattii hunduman WBO cina akka dhaabbatan waadaa isanii haaromsun sagantaan ayyaana kana Barrii haaraa kun gammachuu, kan bilissummaa fi kan badhaadhina akka tahu hawwii eebba maangguuddon ttin sirnichi milkin xumurameera.
IUOF