(Madda Oduu ABO/MOA Amajjii 2, 2011) Ayyaanni guyaa Waraaana Bilisummaa Oromoo /WBO/Jarman - magaalaa Munshin keessatti sirna hoo’aan kabajamee ooleera.
Miseensootin konyaa ABO fi oromootin nannoo magalaa Munshin guyyaa WBO Amajjii 1, kana yeroo kabajamu ;kabaja ayyaana kana irratti Jaal/Dr Shugut Geleta MGS ABO fi itti gaafataman Dipilomasii Godina Auwwuroppaa ayyana guyyaa kana hasaawan bananuu gaafatamani seenaa Ayyaana Amajjii 1 ilaalchisanii ibsa kenneen, guyyaan kun guyyaa yaadannoo humni kaayyoo fi cichoomina qabu rakkoon injifatamee faca’uu akka hindandeenye itti dhugoomse ta’uu hubachiisan jiru:
Kana malees guyyaa seena qabeesa kan ayyaneefachuuf oromoota argamani galaata onee irra madee dhiyessudhaan simanna godhani jiru.
Akkasumas Jaal/Habib Abbajobir guyyaan WBO ammmajji 1 ,ayyaana tokko kan maqaa isaan sadarkaa dhaabaatti bara baraan ayyaaneeffatu akka qabaatu kan murtaa’e Amajjii 1, 1980 ta’uu kan yaadachiise , guyyaan kunis erga gaafasii kaasee, dhaaba keessatti kabajamaa akkuma har’a gahe fuuldurattis kabajamuun isaa kan itti fufu ta’uu ibsan jiru.
Miseensoti ABO konyaa fi Oromootin magalaa Munshin fi nannoo ayyaana guyyaa WBO kana irratti hirmaatanis gaafif yaada gabaasaa kennaniin, Amajjii ayyaaneffatan haala WBOn keessa dabre, amma immoo qabsoo hadhawaa diinaa wajjin godhamaa jiru akka wal yaadachisan addeessaniiru.
Itti anisse walaloon qabsawwan ni kufa ,qabsoon itti fuffa kan jedhu dhagesifamerra,
“Guyyaan WBO yeroo ayyaaneffannu WBO jabeessuuf akkuma baratame waan dandeenyu maraan akka birmannu waadaa keenya deebisnee haaromsinee jirra,” kan jedhe miseensi ABO biroon, “yeroo ammaa kanas ummati keenya, dacheen keenyaafi jireenyi keenya marti humna alagaan saamamuun daran kan jabaatee itti fufe waan ta’eef qabsoo keenya dachaadhaan dabaluun nu barbaachisa,” jedhee jira.
Guyyumma kana gargarssa WBOfi akka ta‘uu qarshin miseensoota fi namoota kabaja ayyana kann irra ammi tokko walitti qabame gummacha ta‘ee jira,
Kanumatti anniese gaafi fi yaadi marii eega dhiyate xumurame boda ibsi ejjennoo kanan gadii waligalten yaada tokkoon dabarfameera.
1-WBOn kaayoo kaleessa qabate mana baheef ciimse itti fufudhaan diina isaa irratti hiree isaa akka jabeesuu kabajan yaadachifina.
2-yeroo Adda Adda WBOn diina warertuu wayaanee irratti tarkaaniif inni fudhacha jiru heedu nu bonsissa.
3-Midhan motumma wayyaanee kan yeroo yeroodhaa haala gedaratu haa ta‘uu malee keesumma yeroo amma baqatoota Oromo biyyaa olaa jiranu adda baasudhaan ;hidhuun, garbosituu motumma wayyaanettinf dabarsanni kennen gidiraa cimma irraan ga‘uun akka dhabatuu dhabooti adunyaa kann dhimmi kun hundi akka dura dhabatani gaafatina.
4-Yeroo ammma Moora QBO cimsuuf harrara deema jiru ni degeraa.
5-Motumman abba hiree Wayyanne ummata keenyaa hidhuuf biyyaa irra harihuun qabeenyaa keenyaa sammuun lafa akka barbade gurgurun hameenya inni ummata keenyaa irratti deemsisa jiru ni ballalefanna.
6-Ummatin oromo rorro hida isaa gadi fagefatee nu irratti dagaggaa jiru kan injifannoon akka irra annu WBO ciina dhabatine diina keenya irra akka aanu waamicha keenyaa ilman oromoo hundaaf ni dabarsina.
7-Biyyootin duromman gargarssa abba hiree motumma TPLF fi godhan akka dhabanu ni iyyannaa.
Gadan Gadaa Bilsummatti!!!
Injifannoon Ummata Oromoof !!!
Amajjii 1, Guyyaa WBO ti!!haa lalisuu!!!
Amajjii 1,2011
Munich-Germany