(Madda Oduu ABO/MOA Amajjii 2, 2011) Konyaan Kalgarii/ MG/ Amajji 01/2011 Guyyaa WBO fi bara haaraa haala nama gammachiisuun kabajatee kan oole yoo ta'u miseensi, deggeraa fi hawaasni oromoo magaalaa kana jiraatu qophii kana irratti hirmaatanii jiru. Qophiin kun Faaruu alaabaa fi faaruu WBOn erga bamnamee booda J/ Hundee Abubakar D/Ta'an kutaa kanaa guyyaan kun maaliif akka kabajamuu ibsanii nutis maal gochuu akka qabnu ergaa nuuf dabarsanii jiru. Akkasumas ibsi A/ Duree ABOs dhageessifamee jira. Kanatti aansuudhaan WBO dinagdeen deggeruuf laaqana dubartoonni keenya baasii mataa isaanittiin qopheessani gurguruudhaan galii galchuuf dhiyeessan biachuudhaan erga nyaatamee booda sagantaan gumaata WBOf gochuun itti fufee gumaatni maallaqaa godhamee jira. Itti fufuddhaan meeshaa Caalbaasiif dhiyeessuudhan kan gurgurre irraas maallaqni gargaarsa qabsoof oolu argannee jira. Kana malees bara darbe namooti guyyaa WBO waliin kabajanne qororroo callaa/saantima/ keessatti walitti qabuuf waadaa seenanii fudhatanii manatti galan nuuf fidanii galii godhanii jiru. Kanatti aansee miseensi keenya tokko namni kamuu kan waraana keenya gargaaruu barbaadu " Tuuta tinnistuu WBO" jedhu yaa ijaarru jedhee yaadni dhiyeesse fudhatama argatee namooti of kennan haguma dandeettii isaanii baatii baatiin akka tinnisa godhan kan jedhu irratti walii galame. Namooti waan kana gochuuf waadaa galan keessaa kaan isanii yeroo tokkotti kafaluu kan murtteeffatan yoo tahu kaanis baatii baatiin kafalla jedhanii maqaa isaanii galameessanii jiru. Dargaarsi dinagdee kunis karuma jaarmaa dhaabaa konyaa kanaatiin bakka barbaachise dhaqabu akka qabutti walii galle. Itti aansuudhaan shamarranii fi dardarran keenye wallee WBO fi kan biroos nuuf wallisuu fi sirbuudhaan kan uummata galama keessatti argaman nuuf bashannansiisanii fi honnachiisuudhaan qophii keenya nuuf midhegsan fi miseensota keenya qophii kana irratti nyaata qopheessanii gurguruudhaan garagaarsa WBOf kennanii fi matayyaattis gumaata maallaqaas nuuf godhan maqaa uummata qophi kana irratti hirmaatanii fi maqaa konyaa kanaan guddoon galateeffadha.
Gadaa Gadaa Bilisummati.