(Madda Oduu ABO/MOA Amajjii 2, 2011) Guyyaa nWBO Konyaalee KBK hunda keessati sirna akkaan bareedaa taheen kabajame. Akkuma kanaan Ayyaanni Amajjii 1,2011 kan Konyaa Torontoo ti gaggeeffame qophii isaa sa’aa 4:00 ti Eebba Manguddotiin jalqabe,kanatti aansee Hawwisoon daa’imman Toronto Faaruu Alaabaa bifa qaraa nama raasuun ummataaf dhiheessan qophii daa’imanii kanatti ummanni hedduu gammadee horii itti roobsaa ture.
Sagntaa baninsaa kana booda Qophii keenya itti fufuudhan akkuma sagantaa keenyaatti karaa bilbilaatin Oromoota Addunyaa gutuu irraa hordofaa turaniif H/Dn ABO dhaamsa bara haarayaa fi kan guyyaa WBO akka dabarfatan taasfnee jirra. Dhaamsa kanatti aansee bakka bu’ooni Caayaalee walduraa duubaan haasawni gabaabaan godhan akkuma xumurameen bakka bu’aan birkii Jaarmayaa J/ Yaddiin bakka H/Dn itti dhaabe irraa jalqbuu dhaan Amajjiin 1guyyaan WBO akka itti kabajamu, Ayyaanni kun guyyaa Amajjii 1 akka kabajamu maaliif akka murtaawe fi akka itti murtaawe ilaalchisee hirmaattota walgehiitif ibsa bal’aa eega godhe booda itti aansee haala waliigalaa kan QBO, kan Oromiyaa fi ummata oromoo kan yeroo ammaa irratti ibsa barbaachisu kenne.maayyii irrattiis ummanni Oromoo biyya ambaa jiru dirqama lammummaa kan irra jiru bahee argamuun dirqama hunda keenyaa ta’uu hubachiisuun xumure.
Qophiii kana hundda kan haala bareedaa dhaan nuuf gaggeessaa ture D/T KBK J/ Fikaduu Eebbaati. Qophiin keenya itti fufuudhan Kaa’imman Aadaa Oromoo kutaa maraa bifa Mirqaansaa taheen dhiheesuun ummata booharsuu itti fufan. Agarsiisa deemaa ture jiddutti dhaabnee Sagantaa Gumataa itti fufe, sagantaa kana irratti Meeshaan J/ Nuradiin Caalbaasiif dhiheesse Qarshii Dhibba shanii ol kan baase yoo tahu, Hawwissoon badhaasa isaaniif laatame $370 WBOf gumaachaniiti jiru. Ummani achiti argamees dhaaba isaaniitiif diinaggee guddaa kennanii jiru, walumaa galatti ayyaanni keenya bifa nuti eegnee olitti injifannoolee ciccimtuu galmeessuun xumurame.
Akkuma kanaan Konyaan Hamiltan, Konyaan Ottowaa fii Konyaa Windsor iis bifa fakkaataa taheen kabajatanii Ooluun Isaanii beekkameeti jira.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!!!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!!!!