Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

ABO dinagdeen jabeessuuf gumaachi sabboontotaan godhamu cimee itti fufe.
 
   

(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 7,2011) Akkuma kanaan sabboontotni Oromoo maadhee Kanniisa Gibee lakk.1 jalatti gurmaa’an dhaaba isaanii ABO jabeessuuf kan oolu qarshii 710 gumaachanii jiran.

Tarkaanfii rifachiisaa fi laalessaa WBOn weerartuu wayyaanee irratti fudhataa jirutti gammaduu isaanii kan ibsan sabboontotni Oromoo maadhee Kanniisa Gibee lakk.1 jalatti ijaaraman, gara fuula duraatti hanga bilisummaatti waan qabsoon nu irraa barbaaddu hunda ni gumaachina; WBO cina dhaabbannees haga wareegamaatti qabsaa’uuf hirbuu keenya haaromsina jedhaniiru.


Godina Shawaa Lixaatti barattootni Oromoo seeraan ala barumsa irraa ari’amuun wal qabatee diddaan barattootaa cimee itti fufe; manneen barumsaas cufamaa kan jiran oggaa ta’u, wayyaaneenis FDG ka’a sodaa jedhuun liqimfamee jiraachuun hubatame.

(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 7,2011)
Maddeen MOA akka gabaasanitti Godina Lixa Shawaa Ona Calliyaa mana barumsaa Geedoo sad.2ffaa keessatti sababa barattootni Oromoo 12 ta’an seeraan ala barumsa irraa ari’amaniin wal qabatee mormiin barattoota Oromoo cimee itti fufee jira.

Barattootni wal gurmeessuun kanneen barumsa irraa ari’aman barumsatti haa deebi’anii fi gaaffilee biroo kaasaa kan jiran oggaa ta’u, sochii isaaniis gara bakkoota birootti babal’isaa jiraachuu maddeen keenya ni mirkaneessu.

Gaaffilee fi sochii barattootni jalqabanii jiran kan sodaatan qaamoleen bulchitoota wayyaanee Ona Calliyaa fi waajjirri barnootaa Onichaa garee qajeelcha barnootaa Godinaa waliin walta’uun manneen barumsaa akka Geedoofaa akka cufaman godhanii jiran. Tarkaanfii diinummaa ergamtootni fudhatan kanaan barattootni barumsa isaanii dhabanii akka jiranis barameera. Barattootnis manni barumsaa duraa cufame akka deebi’ee banamuuf iyyachaa jiran.

Mirgaa fi bilisummaa ummata Oromoof haga dandeettii isaanii hojjechaa kan turan sabboonaan Oromoo Obbo Umar Ahmed Haajii ykn Dhugaa Lammii jedhaman goolessitoota wayyaaneen ajjeefaman.

(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 7,2011
)Sabboonaan Oromoo Obbo Umar Ahmed Godina Shawaa Bahaa Ona Boosat magaalaa Boolee irraa osoo gara manaa galaa jiranii magaalaa Abboomsaa irraa fageenya km2 irratti balaa humnootni goolessitootaa wayyaanee irraan gahaniin addunyaa kana irraa darbanii jiran.

Obbo Umar Ahmed Haajii sabboonaa, Oromummaaf kan quuqaman, qabsoo mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoof geggeeffamu milkeessuuf haga humna isaanii tumsaa akka turanii fi kana irraas qiyyaafannoo mootummaa wayyaanee keessa akka seenan seenaan isaanii ni mul’isa.

Obbo Umar Ahmed Haajii ykn Dhugaa Lammii abbaa ijoollee 4 wayta ta’an sirni awwaalcha isaanii Godina Shawaa Bahaa Ona Boosat magaalaa Boolee bakka jireenya isaaniitti bakka namootni 3000 caalan argamanitti raawwatee jira.

Ergamtootni diinaa ajjechaa sabboonaa Oromoo Obbo Umar Ahmed Haajii keessaa harka qaban Kadiir Hamdaa Bulchiinsa Ona Martii, Mahaammad Aadam Ajajaa Poolisii Ona Martii, akkasumas itti gaafatama dhimma nageenyaa Ona Martii Kadiir Birraa fi I/A bulchiinsa Ona Martii akka ta’an barameera.

Sabboontotnii fi hawaasni Oromoo naannoo magaalaa Boolee, Abboomsaa, Martii, Doonii fi Nuuraa Heeraa hiriira bahuun namootni yakka ajjechaa kana Obbo Umar Ahmed Haajii irratti raawwatan akka seeratti dhihaatan wayta gaafatan poolisootni wayyaanee ummata meesha maleeyyiitti dhukaasa banuun namoota 4 akka hamaatti madeessuun isaanii baramee jira. Ummatni gumaa sabboonaa kanaa kan baasuu fi qabsoo inni irraa kufe kan itti fufan ta’uu dhaadataniiru.

Hojjettootni mootummaa miindaan isaanii citee Waldaa Misooma Oromiyaa jedhamuuf akka oolu murtaa’e mormuun dhaga’ame.

(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 7,2011) Mudde 24,2010 dabballootni dhaaba jalee wayyaanee Godina Lixa Shawaa Onoota 19 fi Zoonii irra walitti dhufanii Yunversitii Amboo keessatti mari’atan miindaan hojjettootaa ji’a ji’aan citee Waldaa Misooma Oromiyaa kan jedhamu wayyaanotni itti ajajaniif akka galii ta’u murteessuun dhaga’ameera.

Hojjettootni mootummaa garuu wayta jiruu fi jireenyi hammaatee fi babbadee jiru kanatti miindaa keenya nu irraa kutuun maqaa Waldaa Misooma Oromiyaa jedhuun kaazinaa Tigrootaa gabbisuun sirrii miti jechuun mormii dhageessisaa akka jiran maddeen keenya ifa godhu.

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net