(Madda Oduu ABO/MOA/, London, Amajjii 29, 2011) Miseensotni ABO fi hawaasni Oromoo biyaa United Kingdom jiraatan gaafa Amajjii 29, 2011 Ayyana WBO bara 2011 magaala London keessatti walgahanii sirna howaa fi hamilee guutuun kabajatan. Ayyaanni guyyaa WBO kun akkuma aadaa Oromootti eebba maanguddootiin eegalame. Gootota Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo jecha lubbuu isaanii wareegameef yaadannoon daqiiqaa tokkoo godhamee jira. Sirna kabajaa guyyaa WBO kana irratti miseensi GS ABO adde Liidiyaa Nammarra argamanii haasawaa gabaabaa godhaniiru.
Itti gafatamaan ABO kutaa UK, Obbo Barsiisaa Guutamaa, seenaa guyyaa WBO akkamitti akka eegalee, maaliif akka kabajamuu fi guyyaa har’aa akkamitti kabajachuu akka qabnu ibsaniiru. Ibsa isaanii keessatti waggaa darbe kana hammeenya ummata Oromoo fi QBO irra gahan yaadachiisaniiru. Bara darbe kana keessa hammeenya wayyaaneen ummata Oromoo irraan geesse keessaa Saamicha qabeenyaa, Gurgurtaa lafa, WBO dirree qabsoo keessaa dhabamsiisuu, Ummata Oromoo biyya ambaa jiraatu wal dhabsiisuu, Baqattoota Oromoo biyyota ollaatti baqatan irraan balaa gahuu akkasumas Dhaabbolii maqaa Oromoon socho’aa turan waltajjii dhabsiisuun gurguddoon turan. Hammeenyi kunis tahuu kan dandahe diddaa gabrummaa ummata Oromoo fi sochii WBO irraan kan ka’ee dha. Haa tahu malee, ummatni Oromoo rakkina irra gahe kanaan hamileen isaa utuu hin kufiin jabaatee deegarsa qabsoo itti fufee WBO bira dhaabbachaa jira. Kunis mirga abbaa biyyummaa isaa utuu hin gonfatiin akka duubatti hin deebine agarsiisa.
Keessattuu, sochiin yeroo ammaa WBOn gochaa jiru jabaachaa dhufuun fi bakka duri hin geenye, giddu galeessa Oromiyaa, keessa socho’uun ummata Oromoo fi miseensota ABO hamileessaa waan jiruuf abdii guddaa akka tahe ibsaniiru. Baatii darban sadeen keessatti injifannoo WBOn agarsiise hedduu nama jajjabeessa. Ummatni Oromoon har’a daran dammaqee mirga isaaf falmachaa akka jiruu fi haala itti mijateen WBO bira dhaabbachaa akka jiru beekamaa dha. Gama biraan garuu, ilmaan Oromoo harka xiqqoon beekaniis ta’u utuu hin beekiin ergaa wayyaanee hojii irra oolchuu irratti bobba’anii kan jiran of xiinxalanii karaa qabsoo haqaa irraatti of deebisuun akka isaan feesisu hubachiisaniiru.
Mootummaan wayyaanee kan xiyyeefattee qabeenyaa guddaa irratti dhangalaasaa jirtu ummatni keenya akka ijaaramee hin humnoofne taasissuu fi ABO irraatti olola oofsisuu dha. Kanaaf, dadhabinsa sochii qabsoo bilisummaa Oromoo ol kaasanii ololuun ergaa diinaa hojii irra oolchuu qofa utuu hin taane, ofumaallee qabsoo laaffisuu irratti qooda fudhachuu dha. Kanaaf, ilmaan Oromoo yeroo kana beekumsa, qabeenyaa fi yaadaan QBO bira dhaabbachuun utuu irraa eegamuu ergaa diinaa geggeessuun seenaa Oromoo keessatti xurii ufitti dibuu dha. Kanaaf tokkoon tokkoon ilamaan Oromoo yeroo itti of xiinxalluu fi of qulqulleessuu qabanuu dha jedhaniiru.
Itti aansee, Obbo Baqqalaa Mokonnon, seenaa gootota Oromoo waggota dheeraa irraa eegalanii mirga Oromoof falmaa gochaa turanii fi shirra moototni Habashaa addaan qoodanii Oromoo bituu duri irraa kaasee waan turee fi ammas wayyaneen tooftaadhuma kana itti dhimma bahaa akka jirtu hubachiisaniiru. Kanaaf ilmaan Oromoo kana hubannee dammaqnee of eeggachuu qabna. Tokkummaa keenya jabeeffachuu qabna. Tokkoomne malee hin humnoofnu jedhaniiru.
Itti aansee Obbo Leencoo A/ Garoo, itti gaafatamaa Jaarmayaa fi Siyaasaa ABO kutaa UK, haalli naannoo Kaaba Afrikaa- Egyptii fi Tunisia, keessatti tahaa jiru jijjirama sochii ummataa ammaan dura argamee hin beeknee dha. Ummatni walqabatee ka’ee mootummaa diktaatara ta’e ofirraa buusaa jira. Haalli kun kara impaayera Itiyoophiyaattis adeemuu ni mala. Kanaaf dammaqnee eeggachuu qabna jedhaniiru. Itti dabalees, tokkummaan dhabolii Oromoo murteessaa waan taheef dhaabni keenya ABOn hujii araaraa kana irratti jabinaan akka hojjetu yaada isaanii kennaniiru.
Walalooleen tokkuuma Oromoo jabeessuu fi WBO leellisu erga dhihaatee booda miseensotnii fi ummatni ayyaana kana irratti argaman yaadaaf fi gaaffii gara garaa dhiheessanii mareen bal’aan tahee jira. Dhuma irratti ummatni Oromoo ayyana kana irratti hirmaatan WBO fi qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn hoogganamu deeggaruu fi tokkummaan hiriiruu akka qaban mikaneessaniiru. Deeggarsa isaaniis gummacha maallaqaa kennuu dhaan agrasiisanii jiru.
Ayyanni kun faruu alaabaa Oromootiin milkiin xumuramee jira.
IUOf!
GGB ti!
Ummata Oromoo Biyya UK
Amajjii 29, 2011