(Madda Oduu ABO/MOA/, Melbourne, Amajjii 9, 2011) Guyyaan Waraana Bilisummaa Oromoo, Amajjiin 1, miseensota ABO fi deeggartoota qabsoo bilisummaa Oromootiin magaalaa Melbourne keessatti Kabajame; sirna kana irrattis WBO jabeessuuf kan oolu gumaachaa fi caalbaasii irraa doolarri Awustiraaliayaa kuma kudhanii ol ta’u argamee jira.
Ayyaanni guyyaa WBO fi barri haaraa kun akkuma aadaa Oromootti eebba maanguddootiin kan eegalame yoo ta’u, ittiinsuunis gootota Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo sadarkaa kanaan gahuuf lubbuu isaanii wareeganiif yaadannoon daqiiqaa tokkoo godhamee jira.
Sirna kabajaa guyyaa WBO, kana irratti miseensi GS ABO fi gaafatamaan Birkii Beeksisii fi Odeessii ALaa, Ob Gaashuu Lammeessaa, ayyaanni kun waggoota 30 dura dirree qabsootti eegalamuu isaa yaadachiisanii , “yeroo ammaa kana garuu guyyaan kun hawaasa Oromoo keessaa fi alaatiin kabajamuu irra gahuunsaa sadarkaan qabsoo Oromoo hawaasaan hammatamuu agarsiisa,” jedhan.
Itti dabaluunis, qabsoo hadhaawaa finiinaa jiru galmaan gahuufis ummati keenya bara haarawaa kanatti waantota sadii irratti xiyyeeffatee akka hojjatu dhaamanii jiru.
Qophii Ayyaana kanaa kutaan tokkoffaa isaa youtube dhaan qindaa'ee akka armaan gadiitti isinii dhiyaatee jira.
http://www.youtube.com/watch?v=cFCHurJdgj0&feature=player_embedded#!