Ayyaanni guyyaa waraana bilisummaa Oromoo (WBO) kan Amajjii tokko eegale itti fufee Amajjii 15, 2011 magaalaa Seattle keessatti miseensonni ABO, deggartoonni fi ummanni bal'aan Oromoo haala owaan kabajamee oolee jira. Walgahiin kun akkuma aadaa Oromootti eebba manguddoon erga baname boda, Miseensi Gumii Saba ABO J/ Odaa Xasee fi Artistii beekkamaa fi jaalatama kan tahe J/ Gaddisaa Abdullahi alduraa duban maalif akka guyyaan kun kabajjamuu fi haala Qabsoon teenya irra jirtu ilaalchisee haasaa bal’aa keennani jiru.
Itti dabalee gaafii deebi haala yeroo ammaa QBO irraa jirtuu fi haala siyaasaa gaanfa Africa keessa deema jiru ilaalchise mana keessa MGS jaalle Odaa Xaseef dhihaatte ABOn karaa qabsoo teenyaaf bu'aa qaba je'ee itti ammane hundaan akka hojjataa jiru ibsani gaaffii hirmaatoota irraa kaateef deebisaa quubsaakennani jiru.
Kanatti aansuuniis jaallan yeroo gabaabdu keessa Oromiyaa fi naannoo Oromiyaa irraa akka carraa tahee nu jiddutti argaman, dhaamsa jaallawanii fi walaaloo gara garaattin ummata booharsanii turu. Itti aansuu dhan jaalle Gaddisaa Abdullahiis ummanni yeroo dheeraa dhaaf isa beekkan, seenaa WBO fi ayyaana guyyaa kanaa qofa ibsitee deemuu hin qabdu jechuu dhan akka inni geerarsaa coraa nama suukkanneesu fi hamilee cimtuu ummataaf keennu tokko akka irra buusu godhanii turan.
Dhumaa irraatti miseensoonni ABO konyaa Seattle fi deeggartoonni gargaarsa diinaggee guddaa QBO gargaaruuf sirna gumaachaa gaggeesuun diinagdee guddaa burqisiisani jiru. Kanumaan waliin dubartoonni Oromoo kiisha isaanni irraa baasanii nyaata gara garaa bilcheessanii gurguruu dhan galii guddaa konyaa dhaf galchanii jiran.
Walii galatti walgahiin ayyaana guyyaa WBO Amajjii 15, konyaa Seattle geegafame dhaaddannoo akka ejjeersatti cimnee hojjachuun dirqama miseensoota ABO hundaa tahuu qaba jedhuun milkii fi injifannoon xumuramee jira.
Injifannoon tan Ummata Oromootti
Gadaan Gadaa Bilisummaatti