Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Humni addaa WBO Godina Harargee Bahaa magaalaa Awwadaay keessatti tarkaanfii Poolisa Federaalaa Wayaanee irratti fudhateen kasaaraa guddaa dhaqqabsiise
.
 
   

(Madda Oduu ABO/MOA/Gurraandhala 13,2011)Humni addaa WBO Gurraandhala 7, 2011 Godina Harargee Bahaa magaalaa Awwadaay bakka ganda Bashiir jedhamutti tarkaanfii humna Poolisa Federaalaa Wayyaanee irratti fudhateen kasaaraa guddaa irraan gaheera.

Ummanni naannichaa humni addaa WBO Poolisoota wayyaaneef ergamuun ummata hiraarsaa turan adabuu isaatti gammachuu qabu ibsatuun WBO caalaatti jabeessuuf deeggarsa gama hundaa akka taaisuuf ibsaa jira.

Mootummaan wayyaanee tarkaanfii humni addaa WBO Poolisoota, tikaa fi ergamtoota isaa irratti fudhataa jirutti aaruudhaan ummata nagaa goolaa jira. Akka kanaanis lammiileen hedduun hidhamuu fi hiraarfamuutu ibsame.

Godina Shawaa Dhihaa magaalaa Amboo keessaa ilmaan Oromoo 5 dharaan yakkamuun Poolisa Federaalaatin qabamanii mana hidhaa Maa’ikkalaawiitti darbataman.

(Madda Oduu ABO/MOA/Gurraandhala 13,2011) Humnoonni Poolisa Federaalaa wayyaanee A.L.I. Amajjii 26 bara 2003 magaalaa Amboo keessaa ilmaan Oromoo 5, Siifaan Caalaa, Gazanyii caalaa, Maasgabaa Booji'aa, ……Booji'aa fi Yoonaas Booji'aa jedhamaan mana hidhaa maa’ikkalaawii Finfinneetti argamutti darbatanii hiraaraa jiru.

Lammiileen Oromoo obbolaa tahan kunniin diraamaa sirnichi dhiyeenya kana qindeessee ittiin ololaa jiruun walqabsiifamee, Ertiraa deemtanii toftaa faanjii dhukaasuu barattanii dhuftan jedhamanii dharaan yakkamuutu gabaafame.

Halumaa wal fakkaattuun OPDOn magaalaa Amboo keessattii daldaaltoota obbolaa tahan Haayilee, Warquu, Miliiyoon fi Mallaasaa Kabbadaa jedhaman sababaa miseensa OPDO ta'uu didaniif hiraaraa jira jedhameera.

Kun kanaan odoo jiruu, yeroo ammaa kana ergamtoonni wayyaanee guutummaa biyyattii keessatti maqaa Leenjii karoora guddinaa fi Tiraanisfoormeeshinii jedhuutin Qotee Bulaa goolaa jiru. Haa tahu malee qotee bulaan mormii cimaan OPDO duraa dhaabbachaa jira. Kana irraa sirnichi Godina Shawaa Dhihaa Onoota akka Midaa Qanyii, Calliyaa, Amboo, Tokkee-kuttaayee fi Xuqur-incinnii faa irratti qonnaan bultoota siyaasaa isaa fudhachiisuuf akka dirqamaan leenji’an doorsisaa jira.



Godina Wallagga Bahaatti waldhibdeen Kaabinoota wayyaanee jidduutti dhalate hammaataa jira. Kanneen qawwee AK-47 lakkoofsaa 60 tahu gurguratuun dantaa isaaniif oolfatanis saaxilaman.

(Madda Oduu ABO/MOA/Gurraandhala 13,2011) Saamichaa fi malaammaltummaan gaggeessaa jiran duraa saaxilamuu irraa waldhibdee keessa seenaa kan jiran kaabinoonni Godinichaa, qawwee ummata irraa hiikkatan gurguratuun isaanii ifa taheera.Akka gabaasaa maddeeniitti, qawwee AK-47 bara dabre Ona Giddaa keessaa ummata irraa hiikkachiisanii turan, gara daangaa Goojjam Iddoo Agamsa Ballaa jedhamutti geessanii gurguratuu isaaniitu ibsame.

Ergamtoonni wayyaanee Dur ta’aa Ona Giddaa Mangistuu Alamaayyoo I/A ajajaa Poolisii Onichaa Mangistuu Birraatuu, Miseensa poolisii kan tahe Kabbadee Ayyaanaa fi Fiqiruu Lakkassaa Dhimma Nageenyaa onichaati kan jedhaman ummata Oromoo irraa meeshaa hiikuun alagaa hidhachiisanii ummata wal-dura dhaabuuf tattaafataa jiru. Kanumaan walqabatee ergamtoonni sirnichaa waldhabbii uumameen hojiirraa wal aari’aa jiru.


Gama biraatiin Godinuma kanatti ergamtoonni wayyaanee jeequmsa jidduu isaaniitti uume hammaachuu irraa hojiirraa wal ari’uun kan itti fufe yoo tahu lukkeelee bakka buufatan dhabanii rakkataa jiru. Akka kanaan, Ona Limmuu irraa namoonni 10, Ona Haroo-Limmuu irraa ammoo namoonni 7 hojiirraa ari’amaniiru. Namoonni lukkeelee kana bakka bu’an kan dhabamuutu ibsame.
Motummaan wayyaanee Kaadrota isaa ummata saamaan tokko tokko mana hidhaa galchineera jechuun ummata haa sobu malee kolleejjii Siviil-sarvisii akka galche bira gahameera.


I.U.Of!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net