Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Gootonni Barattoota Oromoo University Haromaaya baratan Wayyaanee Salphisan
 
   

(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 12,2011) Motummaan Wayyaanee tooftaa fi bifoota adda addaan ummata Empire sana keessa jiru goyyomsaa baroota bittaa isaa kana hunda jiraate,sabaa fi sab-lammootaa naannoo irraa buqisuu fi qabeenya isaanii saamuu,ummata baadiyyaa jiraatu dachii isaa irratti gurguree qe’ee maleeyyii taasisuu aadaa kan godhate mootummaan Wayyaanee, Amajjii 10,2011 mooraa University Haromayaa keessatti guyyaa ayaana sabaa fi sab-lammii itti kabajatan jecha jechu moggaasee qophii qopheessuun barattootaa fi barsiisota akkasumas hojjettooti kan isa deggeran fakkeessuuf jecha TVn waraabee ummata qotataa fi jiraataa biyyaa ittiin goyyomsuu kan yaalee ture gootummaa barattoota Oromoon harkatti fashalee salphina uffate.

Akka kanaan gotonni ilmaan Oromoo University Haroomaya keessaa baratan qophii qondaalotiin Wayyaanee sabaa fi sab-lammii jedhanii goyyomsaaf qopheessan kana irratti argamuu dhabuu fi diddaan gutummaatti dura dhaabbachuun waaroo salphinaa itti uwwisan.

Barattootiin Oromoo mooroo Universiy keessa olii fi gadi fiiguun WBO fi ABO faarsuun,sirboota warraaqsaa fi alagaaf hin gabroomani jedhu sirbuun ergamoota Wayyaanee fi Wayyaanota qaanyii akka goonfachiisan gabaasi MOA ni ibsa.

Salphina kanaan kan qaanofte Wayyaaneen tooftaa biraan barattootaa fi barsiisota akkasumas hojjettoota mooraa Universitycha maqaa mishooma Oromiyaa kan jedhuun horii barattoota irraa funaannachuuf jecha gaafa Amajjii 11,2011 xalayaa lakkoofsa 38/1-1-10/42 kana qabu mooraa University keessatti maxxansuun namoota gargaarsa kana barattoota irraa funaananis kaayuun ishee gabaafame. Barataa Oromoo mindaa ykn galii tokko illee kan hin qabne,qee’ee Oromoo hiyyoome keessaa bahee galii tokkoon malee kanneen baratan mishooma Oromiyaaf jecha horii buusuu qabdu jechuun doorsisaa akka jiranis gabaasaan nu dhagaqabe ni addeessa.

Baroota dheeraa mootummaan Nugusichaa fi Dargii, ammas ammoo Wayyaaneen maqaa deegaa fi mishoomaan gargaarsa ala irraa funaanaa bahanii fi kadhaan qarshiin guuramaa bahe Oromoof waa akka hin goonee fi qotee bulaan Oromoo gibira mootummaaf kennu,albuudaa fi qabeenya Oromiyaa guutuu biyyaa keessaa saamanii alatti gurguramu,galiin maqaa investment jedhuun gurgurtaa lafa Oromootaa irraa argamu,mukkeen qaqqaliin muramanii biyya alaatti ergaman kun hanqannaan goyyomsaa mishooma jedhuun barattoota doorsisuu ykn dirquun qarshii funaanuuf yaaluun akka Wayyaanota hin baafne,akkasumas cunqursa kana fakkaatu of irraa buusuuf furmaanni jabaatanii ABO waliin qabsaawuu qofa akka tahe barattootii fi barsiisoti mooraa University Haromaya MOAf gabaasaniiru.

*Gutummaa sirboota diddaa barattoota Oromoo sagaleedhaan bakka sadiitti qoonnee oduu kana waliin maxxansinee jirra. Warreen isinii hin banamiin realplayer-n banachuu dandeessu.

Waraabbii 1ffaa

Waraabbii 2ffaa

Waraabbii 3ffaa


 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net