(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 9,2011) Humni addaa WBO Godina Shawaa Kaabaa Ona Yaayyaa Gullallee ganda Daalaa fi Rimeettii keessatti tarkaanfii Muddee 30, 2010 loltoota wayyaanee sakattaaf qophaawaa turan irratti fudhateen 6 ajjeessuun 4 ol madeessee jira. Loltoonni wayyaanee tarkaanfii humni addaa WBO odeessa diinaa dursee argatuun halkan keessaa sa’aatii 9:00 irratti fudhate kanaan baaragee wal irratti dhukaasa banuun kasaaraa guddaa wal irraan gahanii jiran.
Loltoonni wayyaanee du'aa fi madoo irraa hafan meeshaa isaanii faffacaasuun gargar faffaca’anii fi babbadanii guyyaa 2ffaa barbaadaan akka tokko tokkoon walitti deebi'aa turan beekuun danda’ameera. Waraanni wayyaanee tarkaanfii humna addaa WBOtin hamileen isaa cabe, ummata nagayaa irratti haaloo bahachuuf gara Godina Shawaa Kaabaatti akka bobbahaa jirus odeessi nu gahe ni addeessa.
Ummanni naannichaa gama isaatin, haleellaa WBOn loltooa diinaa irratti fudhataa jiru kanatti gammaduun hamilee guutuun WBO waliin qabsoo akka itti fufu ibsaa jira.
WBOn Godina Bahaa Harargee Lixaa keessa sossohus Mudde 24,2010 Ona Daaroo Labuu bakka Gudarraa jedhamutti loltoota wayyaanee haleeluun 11 ol hojiin ala gochuun isaa ni yaadatama.
Godina Wallagga Bahaa Ona Limmuu Galiilaatti ummanni ergamaa wayyaanee isaan hiraarsaa ture irratti tarkaanfii adabbii fudhatuun gabaafame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 9,2011)Odeessi bubbulee nu gahe akka hubachiisutti, sabboontonni Oromoo Muddee 25 bara 2010 ergamaa wayyaanee ummatatti roorrisaa fi maallaqa ummataa saamuun dantaa isaaf oolfataa ture, Geetaachoo Amduu jedhamu irratti tarkaanfii reebichaa fudhataniiru. Ergamaan Kaabinee Ona Limmuu ti jedhamu kana irratti tarkaanfiin kan fudhatame ganda Gabee Galiilaa keessatti yoo tahu, miidhaa irra gaheen wayta ammaa kana hospitaala Naqamteetti wallanamaa jiraachuun beekameera.
Ergamaan diinaa kun badii isaa irraa hin deebi’an taanaan tarkaanfiin maayii akka isa irratti fudhatamu kan ibsan sabboontonni naannichaa kanneen yakka fakkaataa ummata irratti raawwataa jiran akka irraa of qusatan akeekkachiisaa.
I.U.Of!!