(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 9,2011) Uummantni Oromoo biyya Ayerlaand jiraatan bara haaraa 2011 fi guyyaa WBO gaafa 8/01/2011 kabajatani. Ayyaana kana irratti haasaa uummaaf godhame irraatti maaliif Amajjiin tokko akkam kabajamuufi Uummata Oromoo birrattii akkamitti akka beekamu ibsi kennamee jira. Guyyaan gaafa 8/01/11 qophiin tumsa dhaabilee Oromoo guyyaan inni Aameriikaatti geggeefamaa ture tatuu irraan kan kae uummatni Oromoo Ayerlaand jiraatan tumsa kana deggersa guddaa akka qaban ibisani jiru.
Uummatni guyaa kana sabboonaa Oromoo tokkoon sirbaa fi faaruu Oromiyaa fi WBO faarsuun bashannanaa fi WBO faarsaa oolee jira. Keessumaa iyyuu tarkaanfiin WBOn yeroo ammaa guyyaa guyyaan dina irratti fudhachaa jiruu akka hedduu isaan gammaachiisaa jiruu ibsanii gara fuula duraattis deggersaa barbaachisaa tae hundaa baasuuf waadaa seenanii jiru. Guyyaadhuma kana WBO jajjabeessuuf battalumatti kakaumsa isaaniitiin qarshii walittii qabuun akka gara ilaallatutti ergamu gaafataniiru.
Miseensotniif deggertotni ABO yeroo kanatti uummata galateefachuun haala qabsoon bilisummaa yeroo kana irraa jiruuf tumisi dhaabilee Oromoo gidduus haala gaarii irraa akka jiru ibsa uummataaf kennanii jiru