(Madda Oduu ABO/MOA/Sadaasa 25,2010) Abdii fi gaachanni ummata Oromoo WBOn Godina Bahaa Harargee Dhihaa keessa sossohu Sadaasa 19,2010 Ona Bookee Xiqqoo naannoo Huubee jedhamutti waraana wayyaanee irratti tarkaanfii gootummaa fudhateen ajajootni waraanaa lama kan keessatti argaman 37 yeroo irraa ajjeesu, kanneen 45 ol ta’an ammoo madoo taasisuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera.
Ajajootni waraana wayyaanee kunis Shambaal Asaffaa fi Shaalaqaa Mulugeetaa kanneen jedhamanii dha. Lola kana irratti gootichi WBO meeshaalee waraanaa gosa adda addaa heddumminaan diina irraa booji’uun dantaa QBOf oolchee jira.
Waraanni wayyaanee du’aa fi madoo irraa dandamate qixa adda addaa irra faffaca’anii akka baqatanis beekameera. Humni diinaa WBOn haleelame kun tarkaanfii yeroo darbe WBOn irratti fudhate haloo ba’uuf walgurmeessee kan socho’aa turee fi ummata gidirsuu irratti bobba’an akka ta’es barameera.
Ummatni naannoo lolli itti geggeeffamee tarkaanfii WBOtti gammaduudhaan gargaarsa dhiheessii fi mi’oota lolaa gara garaa WBOf arjoomuudhaan yoomuu WBO waliin akka dhaabbatan mirkaneessuu isaanii Ajaji WBO Godina Bahaa ifa godhee, maqaa WBOnis galata qabsoo ummatichaaf dabarsee jira.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa, Godinoota Harargee fi Baalee keessatti Sadaasa 10 – 12,2010tti tarkaanfii haleellaa humna diinaa irratti fudhateen loltoota wayyaanee 91 ol hojiin ala taasisuun isaa ni yaadatama.
Gama biraan Sadaasa 20,2010 humni addaa Harargee Bahaa magaalaa Calanqoo keessatti gaafatamaa tikaa wayyaanee fi hojii mootummaa naannoo sanaa olaantummaan kan geggeessu Tigirticha Haaylee Gabree jedhamu irratti tarkaanfii fudhatee jira.
Sadaasa 06,2010ttis humni addaa yeroo dheeraf ummata naannoo Dadar hiraarsa kan ture ajajaa humna Federaalaa wayyaanee Tasfaayee Magarsaa jedhamu irratti tarkaanfii fudhatuun ajjeesuun ni yaadatama.
Sababa kana irraa mootummaan wayyaanee magaalota Dadar, Calanqoo fi Qullubbii fi naannoo sanatti qoqqobbii yeroo kaa’uun ummata sochii dhorkee rakkisaa akka jiru barameera.
I.U.Of!!