Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

WBOn Godina Bahaa tarkaanfii haleellaa humna waraana wayyaanee irratti fudhatu itti fufuun 21 ol hojiin ala godhe.
 
   
(Madda Oduu ABO/MOA/Muddee 24,2010)Oduun duubana MOA dhaqabe, Humni addaa WBO Mudde 14,2010 Godina Harargee Bahaa magaalaa Qarsaa qubatee kan jiru waraana wayyaanee irratti tarkaanfii haleellaa tasaa irratti fudhateen loltoota diinaa 14 yeroo irraa ajjeesu, kanneen 7 caalan ammoo madoo taasisuu isaa Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera. Lola kanaan meeshaaleen gara garaa diina irraa hiikkatamuunis gabaafameera.

Humni addaa WBO tarkaanfii laalessaa kana loltoota wayyaanee irratti kan fudhate halkan keessaa oggaa ta’u, waraanni wayyaanee haleelame kun baaragee walii isaatti dhukaasa baneenis miidhaa guddaa akka wal irraan gahee fi mooraa qubsuma isaa keessaas dheessee akka baqate beekuun danda’ameera.

Waraanni wayyaanee humna addaa WBOn haleelame kun humna gargaarsaa gaafatuun humna guddaan socho’ee WBO dura dhaabbachuuf yaaliin godhes akka hin milkaa’iniif hubatameera.

Waraanni wayyaanee akkuma bare tarkaanfii WBOn isa irratti fudhataa jiru kana ummata nagaatti haloo bahuuf, naannoo Qarsaatii ummata walitti qabee isintu WBO nu rukuchiisaa jira; gumaa keenya ni baana jechuun sodaachisuuf yaalaa jira.

Humni addaa WBO Godina Bahaa Mudde 07,2010 magaalaa D.Dhawaa bakka Saabbiyaan jedhamutti qondaala tikaa wayyaanee Kiroos Haaylee jedhamu ajjeesuu fi WBOn Godina Kaaba Shawaa keessa sossohu Mudde 05,2010 Onoota Kuyyuu fi Mettaa Roobii gidduutti waraana wayyaanee haleeluun 11 ol hojiin ala taasisuun ni yaadatama.
  1.  
  2. I.U.Of!!

  Ebla 18,bara 2010  Munich-Germany

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net