Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Mootummaan Wayyaanee qonnaan bultoota Oromoo lafa isaanii sarbee gurgurachuu itti fufe.
 


(Madda Oduu ABO/MOA/Muddee 18,2010) MOA akka gabaasetti, qonnaan bultoota Oromoo lafa isaanii irraa saamee gurgurachaa kan jiru mootummaan wayyaanee, Godina Baalee Ona Beeltoo naannoo Gooroo Raayyaa jedhamu keessaa lafa bal’aa irra qubatanii kan jiran qonnaan bultoota Oromoo buqqisuun laficha investeroota Chaayinaatti gurguratee jira.

Ummatni lafa isaa saamame kun yeroo ammaa harka malee hafuun bakka qotatus dhabee beelaaf akka saaxilamee jiru maddeen keenya dabaluun addeessu.

Lafti Ona Beeltoo naannoo Gooroo Raayyaa keessaa ummata harkaa wayyaaneen saamamee Chaayinootatti gurgurame kun, garbuu fi qamadiin irra facaafamee, hidhattoota wayyaaneen akka tikfamaa jirus ibsameera.

Ummatni naannoo lafti isaa humnaan harkaa fudhatame qaama mootummaa wayyaanee fi ergamtoota isaatti iyyachuuf tattaafatu illee, gaaffii isaa humnaan ukkaamsaa akka jiran beekuun danda’ameera.

Mootummaan wayyaanee Oromiyaa fi naannolee ummatoota cunqurfamoo biroo keessaa lafa ummataa saamuun dureeyyota keessaa fi alaatti gurguratuun dantaa dhuunfaa isaaf oolfataa, ummata bal’aa ammoo beelaa fi hiyyuma irra buusaa akka jiru ni beekama.

Maqaa deggertoota ABO ti jedhuun barattootni Oromoo barumsa isaanii xumuratan hojii dhorkatamaa jiran.


(Madda Oduu ABO/MOA/Muddee 18,2010) Yunversitiilee fi Kolleejjota adda addaa irraa barattootni Oromoo barumsa isaanii xumuratan mootummaan wayyaanee deggertoota ABO ti; warra yaada ABO tarkaanfachiisu ittiin jechuun hojii akka hin arganne godhaa jira.

Gartuun wayyaanee barattoota yaada ykn akeeka ABO tarkaanfachiisaniif iddoo hin qabnu jechuun kanneen kumootaan lakkaa’aman dirree irratti hambisaa jira jechuun maddeen keenya hammeenya sirna wayyaanee ibsaniiru.

Barattootni Damee Fayyaatiin Unversitoota adda addaa irraa eebbifaman kanneen hojii dhorkatamanii hiraarfamaa jiran keessatti argaman. Eebbaan dura maqaa barattoota eebbifamanii maxxansuun yeroo ramaddiin gahu mediadhaan maqaa keessan hordofaa ittiin jechuun ragaa tokko malee sobaan barattoota akka geggeessan ibsameera.

Barattootni rimiddii wayta dhaban deebi’anii dokumentii isaanii wayta gaafatan gara qonnaa fi daldalaatti deebi’aa malee bakki hojii hin jiru ittiin jechuun barattoota Oromoo irratti akka yakka hojjetan maddeen keenya ifa godhu.

Barattootni Damee Barmoota Fayyaa irraa eebbifaman ykn Envromental Health 400, Pharmacy 240 fi Medical Laboratoryiin 250 akka fakkeenyaatti warra fudhataman keessaa isaan tokko.

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net