Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
NEWS

Yunversitii Arbaa Mincitti gochi eenyummaa saba Oromoo xiqqeessu raawwatamuu irraa barattootni Oromoo mormii dhageessisan itti fufan.
 
   

(Madda Oduu ABO/MOA/Mudde 28,2010)Yunversitii Arbaa Minci keessatti sababa barsiisaan Afaan Ingiliffaa Asaffaa Mokonnin jedhamu sirna wayyaaneen deggeramu eenyummaa saba Oromoo xiqqeessuuf hojii yakkaa raawwachuu irraa barattootni Oromoo Yunversitichaa mormii qaban mul’isaa jiran.

Haaluma kanaan barattootni sabboontota Oromoo Yunversitii kanatti argaman wayta ammaa guutummaatti barumsa dhaabanii mormii isaanii mul’ifataa jiran.

Barattootni Oromoo barsiisaan kun hojii yakkaa eenyummaa saba Oromoo xiqqeessuu raawwateef fuula seeraatti dhihaatee itti gaafatamuu akka qabu gaafachaa kan jiran yoo ta’u, wayyaanotni ammoo kana ukkaamsanii bira darbuuf barattoota Oromoo irratti dhiibbaa geessisaa akka jiran barameera.

Barattootni Oromoo kaanis gocha diinummaa kana mormuun sagalee isaanii akka dhageessisan barattootni Oromoo Yunversitii Arbaa Minc gaafataniiru.



Qondaalonni tikaa fi gorsitoonni Mallas Zeenaawii sochii dhaabbilee mormitootaa fi rakkoo dippiloomaasii isaan mudate irratti walgahii gaggeeffatuu isaanii The Indian Ocean Newsletter gabaase
.

(Madda Oduu ABO/MOA/Mudde 28,2010)Walgahii torban dabre Finfinneetti gaggeeffame kana irratti gorsaan dhimma tikaa Mallas Zeenaawii- Tsaggaayee Barihee, Daayrektarri Dhimma Tikaa- Geetaachoo Asaffaa akkasumas hogganaan Damee basaasaa alaa Isaayyaas Waldamaariyaan argamaniiru.

Kana malees, damee haala sochii dhaabilee mormitootaa kan akka ABO fi Paartii Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa tohatuuf kanneen hogganoota tahanii fi miseensonni tikaa hedduun irraa qooda fudhachuu isaanii ti maddi Oduu kun kan gabaase.

Akka gabaasaa kanaatti, akeekni walgahii kanaa inni guddaan dhiibbaa hawaasa keessaan biyyoota alaa keessatti gama siyaasaa fi dippiloomaasiitiin dhaabbileen mormitootaa irraan gahaa jiran irraa dandamachuufi.

Sirni wayyaanee hawaasa biyyoota alaa jiraatu hawwachuun of jala hiriirsuuf karaa ministeera haajaa alaatin maallaqa guddaa dhangalaasuun tattaaffii godhus kasaaraan isa mudachuu irraa qondaalonni isaa wal qeeqaa fi wal jeeqaa jiru.

Keessumattuu gorsaa dhimma tikaa Mallas kan tahe Tsaggaayee Barihee hojii basaasummaa fi lammiilee biyyattii ala jiran hawwachuuf taasifamu akka milkeessu dhaadatee maallaqa guddaa erga ramadchiifateen booda bu’aa silaa waadaa gale argamsiisuu dhabuu fi sochiin dhaabbilee mormitootaa akka ABO faa deeggarsi isaan ummata biraa qaban dabalaa dhufuun gooftaa isaa Mallas irraa mormii guddaa itti dhalchuun beekameera.



Humnootni Tikaa Sirna wayyaanee Oromiyaa keessatti argaman walgahii dhoksaa geggeeffachaa akka jiran maddeen saaxilan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Mudde 28,2010)Akka gabaasa maddeen keenyaatti humnootni tikaa wayyaanee Oromiyaa keessatti argaman haala ummatni keessa jiruu fi sochii barattoota Oromoo irratti marii dhoksaa geggeeffachaa jiran. Sochii ummatni riphee itti jiru, adeemsa QBO ABOn durfamuu, akkasumas haala barattoota Oromoo irraa sodaa qabaachuu isaanii kan gabaasan maddeen keenya mariin caasaalee tikaa wayyaanee geggeeffamaa jirus kanuma irratti xiyyeeffata jedhaniiru.

Marii kana irratti qaamotni tikaa sirnichaa sochii ummataa fi ABO haala karoorfameen to’achuun hin danda’amne; hojiin hojjetames laafaa dha jechuun akka quba walitti qabanis dhaga’ameera. Basaasotni wayyaanee marii irra turan sabboontota Oromoo sochii isaanii hordofuun tarkaanfii irratti fudhachuuf walii galanii akka ka’anis maddeen keenya ni hubachiisu.

Ummatni sochii isaatti eegumsa gochuun adeemsa qabsoo daran akka utubu sabboontotni dhaamsa dabarsaniiru.

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net