|
Ebla 18, 2010, Toronto Nu Miseensoonni ABO Kutaa Baha Kaanadaa kora gaafa Ebla 18, 2010 magaalaa Torontotti gaggeeffanne irratti argamne haala adeemsa QBO irratti ibsa hoggana dhaabaatiin nuuf kenname, Gabaasa konyaalee irraa galee fi barnoota Siyaasaa kan BJBA tiin nuuf kenname irratti marii bal’aa gaggeefanneen murtiilee hegaree QBO ABOn gaggeessaa jiruf murteessoo ta’an ciccimoo dabarfachuun kora keenya injifannoon xumuranne. Ibsi Ijjannoo murtiilee dabarfannee kan armaan gadii kana.
1. QBO ABOn gaggeessaa jiru galmaan gahuuf dirqama miseensummaa kan nurraa eeggamu hunda kan durii caalaa guunnee argamuuf murteeffanne .
2. Injifannoolee WBOn dhiheenya kana galmeessaa jiru hedduu dinqisiifanna, tarkaanfiin WBOn fudhatamaa jiru kun hamilee ummata keenyaa olkaasaa jira jannee amanna. Tarkaanfiilee akkanaa kana jabeessanii itti fufuun qabsoo itti jirru galmaan gahuuf murteessoo waan ta’aniif kana milkeessuuf waan hundaan WBO jajjabeessuuf murteefanne.
3. Mooraa QBO keessatti nagaya buusuuf Araara dhaaba keenyaan gaggeeffamaa jiru ni deeggarra, garuu araarri gaggeefamaa jiru kun akka Heera dhaaba keenyaa hin faalleesine fi Seera qabnu irra hin tarkaanfannetti akka gaggeeffamu dhaammanna.
4. Mooraa QBO keessatti tokkummaan qabsaawootaa akka argamuu ni hawwina. Tokkumaan kun ammoo tokkummaa hujii kan hundi keenya wal irratti bobbahuu dhiifnee diina irratti xiyyeefannu akka ta’uu qabu yaadachiifna.
5. Hujii dhaabaa kan kutaa keenyaa gabaasaalee konyaalee keenya irraa galan irratti xinxila gaggeessineen irrinoota qabnu hubannee jirra. Ir’inoota mul’atan kana irra aannuufis barnoota siyaasaa kan nuuf kennamaa jiru barannee hujii irra oolchuuf murteefanne.
6. Murtii dabaa kan mootummaan wayyaanee dhiheenya kana ilmaan Oromoo irratti fudhate ni balaaleefanna. Murtiin kuniis heera idil addunyaa kan faalleessu waan ta’eef mootummoonni adunyaa fi dhaabbooleen mirga namaatiif falman hundinuu mootummaa kana irratti dhiibbaa barbaachisu akka godhan gaafanna.
7. Miseensoota, deeggartootaa fi ummata Oromoo arra bakka hundatti Ebla 15, guyyaa Gootota Oromoo ayyaaneeffachaa jirra. Gumaan jaallan keenya kan wareegamanii bilisummaa qofa ta’uu hubannee bakka jirrutti gumaa jaallanii kafaluuf hundi keenya dirqama nurraa eeggamu kan durii caalaa kafaluuf irbuu kana dura saba keenyaaf seenne akka haaroyoomfannu wal yaadachiifna.
IUOf
Gadaan Gadaa Bilisummaati
Goonni Ni kufa Qabsoon itti fufa
Kutaa Baha Kaanaadaa |