(Madda Oduu ABO/MOA/Onkoloolessa21,2009) Ajaji WBO Godina Bahaa akka hubachiisetti gootichi WBO Godina Bahaa Harargee dhihaa keessa socho’u Onkoloolessa 11,2009 Daaroo Labuu, Laga Waabee keessaa bakka Malkaa Dullachaa jedhamutti waraana wayyaanee haleelee 5 ajjeesee, 3 ol madeesse.
Waraanni diinaa hafe faffaca’uudhaan qabeenya isaa harcaasaa kan baqate oggaa ta’u, tarkaanfii kanaan meeshaaleen waraanaa fi qabeenyaan diinaa booji’amee dantaa QBOf oolfamee jira.
Waraannii fi dabballootni wayyaanee tarkaanfii WBO kanatti aaruudhaan akkuma amala isaanii ummata nagaa hidhuu fi hiraarsuun haloo itti ba’achaa jiran. Haaluma kanaan Daaroo Labuu Ona Hawwii Guddinaa keessatti ummata walitti qabanii ABO tu isin keessaa jiraa baasaa jechuun hiraarsaa wayta jiran, namoota 20 ol ta’anis hidhaatti darbaniiru.
Jamaal Aliyyii Bulee, Awwal Usmaanii fi Kadir Abdulqayyum Elemoo kanneen jedhaman warra hidhaman keessatti argamu. Basaasni wayyaanee Qamar Mohaammad jedhamu ilmaan Oromoo kunniin akka hidhaman lukkeewwan taasisan keessaa isa tokko ta’uus oduun nu dhaqqabe ni hubachiisa.
Dhuma irratti WBOn Godina Bahaa tarkaanfiin diina irratti fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu hubachiisuudhaan, lukkeewwan/basaasotni wayyaanee ummata irratti yakka hojjechaa jiranis daddaffiin hojii diinummaa itti jiran irraa hin dhaabbatan taanaan, adabbiin malu kan isaan eeggatu ta’uu akeekkachiiseera.
|