(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 15,2009) MOA akka gabaasetti mootummaan wayyaanee yeroo ammaa Godina Wallootti Oromoo fi fi Affaari walitti buusee dhumaatii lubbuu qaqabsiisaa jira.
Haaluma kanaan mootummaan diina ummata Oromoo ta’e kun naannoo Jiillee fi Daawweetti Affaarota hidhachiisee akka Oromoo lolan gochuun dhiiga wal dhangalaasisaa jira. Lola dabballootni wayyaanee ummatoota lamaan gidduutti dhalchan kun guyyoota 4 oliif kan geggeeffame oggaa ta’u, ammallee itti fufee akka jirutu gabaafame.
Oromoota duula ganda isaaniitti itti baname kana of irraa ittisuuf socho’an loltootni wayyaanee duubaan itti dhaqanii ganda isaanii akka barbadeessan ifa ta’eera. Akka kanaan manneen ummata Oromoo 200 ta’u hidhattoota wayyaaneen barbadaawuutu hubatame.
Wayyaanotni magaalaa D.Dhawaa keessattis yeroo lammaaffaaf Oromoo fi Amaara walitti buusuuf shira olaanaa xaxaa jiraachuu isaanii kaleessa gabaasuun keenya ni yaadatama.
MOA