(Madda Oduu ABO/Fulbaana 30,2009) MOA gabaasaa magaalaa Finfinnee irraa nuun gahaniin akka hubachiisanitti yeroo dhihoo keessa beekkamtii fi jaalala kan horate weellisaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaa fi godina Shawaa Kaabaatti Baandii gootota Oromoo keessa kan hojjattu weelliftuu Dirribee Gadaa hidhattoota Wayyaaneetiin ukkaanfamanii Ma’ikalaawwiitti naqamaniiru.
Wellistoonni Oromoo kunniin maqaa gootota Oromoo faarsitan jedhamanii Fulbaana 15, 2009 hidhattoota sirna Wayyaaneen ukkaamfamanii akka hidhamanitu gabaafame.
Artistoota kanneen namoonni deemanii akka hin gaafanne hidhattoonni sirnichaa kan irraa ittisan oggaa tahu, mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti dararaan ulfaataan irratti raawwatamaa jiraachuun barameera.
Oduudhuma wal qabatee nu gaheen, yunivasrtii Finfinnee kiloo 6 irraa hidhamee kan ture barataa Taayyee Danda’aa torbanoota lamaaf mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti dararamaa kan ture ennaa tahu, yeroo ammaa kana eessa buuteen isaa dhabameera.
Akka gabaasaan nu gahe ifa godhutti barataa Taayyee Danda’aa yeroo ammaa kana du’uu fi jiraachuu isaa wanti beekamu hin jiru.
|