(Madda Oduu ABO/MOA/Hagayya 19,2009)Walgahiin ummata Oromo Magaalaa Toronto Kanadati geggeeffame injifannoon xumurame. Walgahii tana kan qopheesse qindeessee konyaa ABO Toronto yammu tahu hirmaattonni magaalaa Toronto ti fii magaalaale olla keessaa dhufan walgahicha kana seena qabeessa taasisee oole. Kana males yeroo duraatif meeshaa baranee sub qunnamtii Video (Video Conference)in walgahii kanarraa MSG GS ABO Hayyu Dureen ABO J/Daawud Ibsaa ti fii MGS ABO J/Odaa Xasee hirmaatanii turan.
Walgahii kun qondaalota Kutaa kanadaa ti fii qondaalota konyaa ABO Torontoon baname. Kanati aansuudhan walgahii kana akkuma aadaa Oromoti manguddoon eebban eegalan. Eebba manguddoo boodan caayaalen ABO Bakkalcha Oromoo ti fii Biiftuu ganamaa walduraa duuban waa’ee QBO laalchisee ibsa ball’a godhan. Kanati aansuudhan kaa’imman Oromo keessaa Leenssaa Husseen walaloo afaan ingliffaan qophoofte tan “Abbaa Irree Mallas haa deemuu” (Dictator Melles must go) jettu hirmaattota walgahichaatif dhiheessitee turte.
Kanati aansuudhan Hayyu Dureen ABO J/Daawud Ibsaa hirmaattota walgahii kanarrati argamaniif haala QBO kan walii galaa ti fii adeemsa QBO ballinaan ibsa kennanii turan. Ibsa kenname kana booda hirmaattonni walgahii kanarrati argaman gaafiilee adda addaa gaafatanii ifa deebii gahaa argatan booda yaada QBO ufdura tarkkaanfachiisu kennatanii jiran. Kana boodas Hayyu Dureen hirmaattota walgahii kanaatif dhaamsa dhaamaniin Oromoonni QBO karaa danddayameen qooda laachun QBO galiin gahuun fardii tahuu dhaammatanii turan.
Walgahii seena qabeesa tahe kanarraa Oromoonni hirmaatan QBO caalati akka bira dhaabbatan waadaa seenun adda ka’an.