(Madda Oduu ABO/MOA/Caamsaa 30,2009) Ummata Oromoo hiyyoomsuu fi deegsuun akeeka isaa kan ta’e sirni wayyaanee yeroo ammaa sanyii filatamaa qotatee bultoota Oromoo dhorkatee bara itti aanu beela hamaa keessa buusuuf hojjechaa akka jiru maddeen keenya beeksisan.
Godina Lixa Shawaatti Onni Baakkoo Tibbee oomisha Boqqollootiin beekamtu karoora Oromoo hiyyoomsuu mootummaan wayyaanee hordofu irraa yeroo ammaa midhaan baduu caalaa qotatee bultootni sanyii filatamaa dhabanii rakkoo hamaaf saaxilamaniiru.
Sanyii filatamaa oomishee qotatee bultoota naannoo fi bakka biraaf illee raabsaa kan ture Giddu galli Qorannoo Qonnaa Baakkoo waggaa darbe irraa qabee akka hin oomishne mootummaan wayyaanee waan dhorkeef rakkinichi babal’achuuf sababa guddaa ta’uu maddeen keenya beeksisaniiru. Sababa kana irraa sanyiin filatamaan Boqqolloo KG 12.5 Baakkoo irratti qarshii 650.00 fi sanaa oliin akka gurguramaa jirutu ibsame.
Lafti qotatee bultootni Oromoo itti dadhabanii midhaaniif qopheeffatan sababa dhiba sanyii filatamaa irraa kan lafatti hafu ta’uu kan ibsan maddeen keenya kun ammoo ta’e jedhamee hiyyummaa fi beelaaf Oromoo qopheessuuf karoora mootummaan qabuu dha jedhaniiru. Gochi kunis qotatee bultootaa fi sabboontotni Oromoo naannoo akkaan aarsaa akka jirutu gabaafame.
Haala qotatee bultootni Oromoo sanyii filatamaa dhabanii rakkataa jiranii fi jiruun itti hammaatee dhiphuu keessa jiran keessatti, mootummaan wayyaanee filmaata dhufuuf haala mijeeffachuuf dabballoota isaa gandoota hundatti bobbaasee qotatee bultoota jiruu irraa danqaa akka jirus ibsameera. Dabballootni sirnichaa qophii filmaataaf waggaa tokkoof gandoota hundatti ramadamanii maqaa walgahiin ummata rakkisaa akka jirantu gabaafame.
Ummatni garuu sanyii filatamaa nu dhorkattanii walgahiin hojii nu hin dhorkinaa, waggaa dheeraaf nu sobdan, misooma jettan irraas nuti kan arganne hiyyummaa fi lafa keenya irraa buqqa’uu fi qabeenya keenya saamamuu dha jechuun aariin mormii qaban dhageessisuu isaanii oduun kun dabalee hubachiisa.
Gochaa farrummaa wayyaanee fi ergamtoota ishee of irraa darbuuf ummanni Oromoo tokkummaa isaa cimsatee akka ka’u sabboontonni Oromoo naannoo Baakkoo jiran waamicha isaanii dhiyeessaniiru.
MOA