(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 27,2009) Hiriirri nagayaa kan magaalaa guddittii Kanada, Otowwaa, ti geggeeffame injufannoolee ciccimoo galmeessun xumurame. Hiriira nagayaa kana kan kophaa godhu Hawaasni Oromoo kutaa Ontaariyoo keessa qubatan magaalaalee garaa garaa keessaa waliti dhufuudhan yeroo duraatif sagalee takkaan gidiraa ummata Oromoo tirra gahaa jiru mootummaa Kanada ti fii mootummaa Amerkaa beeysisuudha.
Hiriirri nagayaa kan magaalaa guddittii Kanada, Otowwaa, ti geggeeffame injufannoolee ciccimoo galmeessun xumurame. Hiriira nagayaa kana kan kophaa godhu Hawaasni Oromoo kutaa Ontaariyoo keessa qubatan magaalaalee garaa garaa keessaa waliti dhufuudhan yeroo duraatif sagalee takkaan gidiraa ummata Oromoo tirra gahaa jiru mootummaa Kanada ti fii mootummaa Amerkaa beeysisuudha. Hiriira seena qabeessa tahe kanarraa qooda fudhachuudhaf hawaasni keenya magaalaalee Windsor, Hamilton, Toronto fii Otowwaa keessaa dhufanii kan hirmaatan yeroo tahu kaneen keessaa Oromoonni saa’aa 7 makiinaa oofuudhan dhufanii hirmaatan hammam takka Oromoonni QBO tif akka uf kennan agarsiisa.
Hiriira kana qopheeysufii waliti qindeessuudharrati Waldayni Hawaasa Oromoo naannoo Toronto ti fii Waldayni hawaasa Oromoo Otowwaa Karlton qooda ol aanaa kennuun dirqama Oromummaa bahanii jiran.
Hiriirri kun akkuma sagantteeffatameti yeroo 12:30 WB Embassy Ethiopia durati eegalame. Hiriira kana maalif akka Embbassy Ethipia duraa eegalan yeroo gaafataman qinddeessitoota hiriira nagayaa kanaa keessaa tokko akkana jechuun deebise. “Yeroo ammaa tana embassyin akka waan ergamttoonni mootummaa yartuu TPLF hawaasa cufa dhuunfatanii godhanii olola dharaa biyya keessa fii biyya alati waan hafarsaa jiraniif kun dhugaa akka hin ta’in agarsiisu fii QBO yeroo ammaa tana biyya keessa fii alattis bifa yoomirraa huu caalaa qindoomina qabuun uf dura deemaa jiraachuu hubachiisuf akka tahe mirkaneessufi.” Hirmmaattonni hiriira nagayaa yeroo emabassy Ethiopia kana dura turan dhaaddannoolee gochaa motummichaa saaxilan kanneen garaa garaa dhageessisaa turan.
Akkuma sagantteeffameti hirmaattonni hiriiraa gama embaasy Amerkaa deemuudhan iyyannaa gochaa Mootummaan Wayyaanee ummata keenyarraan gahaa jiran dhageessisanii jiran. Yeroo gama Embaasy Amerkaa deeman kana xalayaalee ummataaf akka facaatu qophoofte facaasaa, dhaaddannoolee garaa garaa dhageessisaa turan. Kana males daawwattooni hiriiraa Alaabaa Oromoo tan naannoo hiriiraa miidhagsite turte dinqisiifachuun laalaa akka turan fii warri biyyaa kanneen makiinaa oofan xurumbbaa makiinaalee isaanii dhageessisuun garggaarsa hiriira kanaaf qaban ibsaa turan. Akkuma saganttaan embbaasy Ameerikaa xumurameen xalayaa iyyannaa gochaa mootummaa TPLF ummata keenyarraan gahaa jiru ibsitu tan Ambaasadara Ameerkaa kabajamaa obboo David H. Wilkins barreeffamte waajjiraa isaati kennanii hiriirri sagantaa itti aantu dabruun hiriirri gama Waajjiraa Haajaa Alaa Mootummaa Kanada ti sossohe.
Karaa dheeraa kana akkuma duraanii motor saayclaa fii makiinaa poolisa biyyaatin eegamayni traafika godhamaa hirmmaattoni hiriiraa waajjiricha dura gahan. Akkuma naannoo kaanii waajjiraa haajaa alaa durattis dhaaddannoolen garaa garaa dhageessisuun mootummaa Ethiopia balaaleffatan. Xalayaa iyyannaa Ministera Haajaa Alaa Kanadaa kabajamaa obboo Lawrence Cannon f barreeffamte itti gaafatamttuun mootummaa Kanadaa tan Gaafa Afrikaa hiriira kanarrati argamuun itti gaafatamttoota hiriira kanarraa gammachuun fuutee bikka barbbaachisuun akka dhaqqabdu waadaa seenttee turte. Kana males Mootummaan Kanadaa haala naannoo Gaafa Afrikaa jala bu’uudhan hordofaa akka jiran ibsite.
Dhumarrati xalayaa waa’ee hiriira kanaa laalchisee barreeffamte waajjiraa haajaa alaa duratti hirmaattotaa fii daawwattootaf dubbifamuudhan hiriirri kun injifannoon xumurame. Dhaamsa xalayaa hirmaattotaaf dubbifamtee fii suuraalee laaluf as tuqi.