(Madda Oduu ABO/MOA/Caamsaa 4, 2009) Konferensiin Hawaasa oromoo Australia, Guyyaan Gootota Oromoo fi Korri Waggaa miseensota ABO Australia akka karoorsametti milkiidhaan xumuramee jira.
KONFERENSII Hawaasaa, Guyyaa Goototaa fi Kora miseensotaa ilaalchisee qophiin sirna baniinsaa irraa qabee hanga xumura korichaatti guyaa sadiif, Caamsaa (May) 1 hamma 3 bara 2009 gaggeessame kana irratti hogganootni ABO irratt hirmaatanii jiran.
J. Bayyaan Asoobaa MGS fi Dubbataa ABO USA irraa akkasumas J, Gaashuu Lammeessaa MGS fi Birkii Beeksiss ABO qophiilee guyyaa 3 irratti argamnii jiran. Qophii guyyaa 3n magaalaa Melbourne, Victoria keesatti gaggeessame kana godinaalee Australia, kanneen akka quensland, Adelaide, iraas bakka buutotni konyaalee ABO qooda irraa fudhatanii jiru. Konferensii Hawaasaa Caamsaa(May) 2,2009 taasisame kana irratti:
Haala qabsoon Bilisummaa Oromoo harra keessa jiru fi egeree
Dhimmoota addunyummaa fi Qabsoo bilisummaa Oromoo
Dhimmoota Oromoo waliigalaa, Oromummaa fi Oromiyaa ilaalchisee ibsi bal’aan hogganootaan kennamee jira.
Konferensii afuura nagaa fi Oromummaan guutamee sirnaa fi hayyyaataan jalqabee xumurame kana hirmaattontni hawaasaa fi keessummootni konferensichaa akka guddaa itti gammadan hubatamee jira.
Konferensiin Victorian University itti Koreen Kutaa ABO Australia qopheesse, miseenstoni konyaa ABO Victoria qindeessuu keessattti qooda guddaa kennanii jira. Konferensii Hawaasni Oromoo dhibbootaan lakkaawamu irratti argame kana irraa haala tokkummaa Oromoo caalaatti jabeessuun danda’amu irratti marii guddaan gaggeessamee jira.
Dabalees, Guyyaan Gootota Oromoo galgaluma Caamsaa(May) 2, bara 2009 kana sirna ho’aa fi miidhagaan kabajamee jira. Guyyaa goototaa ilaalchisee J/Dr. Bayyaan Asoobaa, J.Gaashuu Lammeessaa ibsa kennaniiru. Akkasumas J/Gammachuu Fayyeeraa itti aanaan D/T Waldaa Maccaa fi Tuulamaa duranii, GGO fi sochiilee ummata Oromoo biyya keessaan wal qabachisee hasawa kan godhe yemmuu ta’u, WBO keessa kan ture J/Dhaqqabaa Roobaa qabsaawota har’a lubbuun biraa dhabaman of-kennaa fi murannoo qabsoof qaban irraa keessummoota ayyaana kana irratti argaman qaabachiiseera. Daa’imman Oromoo xixiqqoonni alaabaa Oromiyaa uffatanii, harkattis qabatanii, faaruu alaabaa faarsuudhaan ture kan ayyaanni kun sirnaan baname. Artisttotni Oromoos Guyyaa goototaa kana irratti argamanii ayyaana kana akkaan dhaadhessaniiru.