(Madda Oduu ABO/MOA/Onkoloolessa 5,2009) Godinoota Oromiyaa cufa irraa lammiiwwan Oromoo miliyoonotaan herregaman Dilbata darbe Bushooftuu Hora Arsadiitti walitti qabamanii sirna irreeffannaa haala baay’ee ho’aa fi hamilee guutuu ta’een kan geggeeffatan oggaa ta’u, waytuma kanattis ummatni diddaa mootummaa cunqursituu fi gabroomfattuu wayyaaneef qabu akkasumas hawwii bilisummaa isaa akka mul’ise maddeen keenya gabaasaniiru.

Keessaahuu dargaggootnii fi barattootni Oromoo ayyaana Irreechaa baranaa irratti argaman sodaa fi mataa gadi qabannaa tokko malee mormii fi jibba diinaa fi lukkeewwan diinaaf qaban mul’isuun jaalalaa fi deggersa dhaaba isaanii ABO fi WBOf qaban dirreetti akka dhageessisan gabaasi maddeen keenya ni ibsa.

Dargaggootnii fi barattootni Oromoo sirboottan warraaqsaa baala adaamii yaa sariitii, maaf na hin waamin WBO gaafa xiiqii, ABOf karaa gadhiisi, Bilisummaan Urgooftee WBOn dhufaa jira, Hanga Qawwee baattu, dabtarri birrii dhaa hin barattuu kan jedhuu fi kkf dhageessisaniiru.

Sakattaan bal’aa fi jabaa ta’e akkasumas doorsisi adda addaa jiraatu illee ummatni faayaa adda addaa eenyummaa Oromoo calaqqisanii fi alaabaa ABO qabatee akka bakka irreechaatti argames oduun kun ni ibsa.

Ejjennaa fi murannoo dargaggoota Oromootti kan aaran wayyaanotnii fi lukkeewwan isaanii ka’imman Oromoo heddummina qaban guuranii mana hidhaatti akka darbanis oduun nu gahe ifa godha.

Dhaggeeffattoota keenya ammas gabaasi ayyaana Irreechaa bakka adda addaatti kabajamee akkuma bal’inaan nu gahaa deemaniin isiniif dhiheessaa kan deemnu ta’uu isin hubachiifna