(Madda Oduu ABO/MOA/Onkoloolessa 2,2009) MOA akka gabaasetti, godina Lixa Shawaa Onoota akka Jalduu, Gindebarati, Dandii fi kanneen biroo keessaatti ilmaan Oromoo hedduun hidhamanii dararamaa jiran. Ona Jalduu keessaas barattoota yeroo darbe magaalaa Holataatti leenjii kennamaafii ture irratti olola sirnichaa fudhachuu didanii fi miseensummaa morman wayyaaneen walitti guuruun hidhee darararaa akka jiru maddeen gabaasaniiru.
Haaluma kanaan barattoonni hedduun kan hidhaman yeroo ta’u barataa Gonfaa Dalasaa kanneen hidhaman keessatti argama. Kana malees barataan yeroof maqaan isaa hin baramiin tokko Ona Gindebarati irraa gochaa mootummaa wayyaanee kana jalaa dheessuun magaalaa Gincii akkuma ga’een hidhattoota wayyaaneen butamee bakka buuteen isaa dhabamee jira
Onoota Jalduu Gindebarati, Dandii fi bakkoota birootti namoota miseensa OPDO ta’uu didan akkasumas walga’ii fi duula ummata dararuu gidduu darbe gaggeefamaa ture mormanii fi irratti hirmaachuu didan hidhuun hiraarsaa jiraachuun isaanii gabaafameera.
Gama biraan maatii barattootaan ijoolleen keessan walgahii dhufanii yo nu hin deggerre; yo nu morman, miseensa keenya yo hin taane, ni hidhamu, ni ajjeefamu, hojii fi barmoota irraa ari’amu ittiin jechuun doorsisaa akka jiran oduu nu gahe irraa beekuun ni danda’ameera.
Ergamtootni wayyaanee Ona Jalduu keessaa ummataa fi barattoota hiraarsaa jiran gaafatamaa dhimma nageenyaa Onichaa Araarsaa Iddoosaa, Onichatti gaafatamaa OPDO Baayisaa Nagarii fi gaafatamaa Dargaggootaa kan ta’e Mangisituu kanneen jedhamanii dha.
Ergamtoonni kunniin daddafiin gochaa farrummaa isaanii kana irraa hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin barbaachisaa ta’e kan irratti fudhatamu ta’uu sabboontotni naannoo akeekachiisaniiru.
I.U.Of!!
|