H/D ABO J/ Daawud Ibsaa hawaasa Oromoo biyya Netherlands waliin haala QBO irratti marii bal’aa gaggeessan kana irrartti, haala siyaasaa kan gaafa Afrikaa, biyyoota ollaa Oromoo, addatti immoo kan Impaayera Itoophiyaa irratti xiinxala bal’aa dhiheessanii ture. Bu’aa ba’i ABO keessa bahe , sochiilee gama hidhannoo, siyaasaa fi dippilomaasiin godhame irratti gad-fageenyaan xiinxala dhiyeessan irraa hirmaattooti walga'ichaa hubannoo gahaa argachuu isaanii beekameera.
Marii haamilee guutuu fi hirmaannaa uummata guddaa ture kana iirratti gaaffiilee fi afaan faajja’insi uummata keessa ture irraa ka’anii H/D ABO J/ Dawud Ibsaatiin hubannoon gahaan kan kenname yoggaa ta’uu uummatni wal-gahii sana irratti argamanis itti gammaduun yaadoota hedduu qabsoo bilisummaa oromoof tokkummaa oromoo ijaaruu keessatti bu'a qabeessa ta'e dhiyeessaa oolaniiru.
Haamilee guutuu fi hirmaanaa cimaan hawaasa Oromoo konnyaa Netherlands kan oo’ee waarreeffate mariin kun dhuma irrattis dhaaba isaanii cinaa dhaabbabachuun dirqama issan irraa eegamu yoomiyyuu caallaa bahuuf qophii ta’uu isaanii sagalee tokkoon walii galanii ibsa ejjetnoo qabxii 8 of-keessaaa qabus baafatanii jiru .
Keessuummaa kabajaa guyyaa kanaa J/Daawuud ibsaa sirnaa ho'aan kan simatan hawaasi Oromoo Nezerlands qabsoo bilisummaa oromoo ABO'n hoogganamu galmaan gahuudhaaf ammaan booda ijaaramanii sochoo'uuf waadaa seenuu isanii yaada kennaniin mirkaneessaniiru.
J/Daawuud Ibsaa H/D/ABO ,dhumarratti dhaamsa hawaasa kanaaf dhaamaniin hawaasi hin ijaaramne shaffisaan bilisummaa isaa harkatti galfachuun hedduu rakkisaa ta'uu hubachiisanii ,ammaan booda tokkummaan ijaaramtanii qabsoo keessan dhaaba keenya ABO cinaa hirirtanii qooda oromummaa isinirraa eeggamu yaamicha isiniif dabrsa jedhaniiru.
Dura teessoon konyaa ABO Nezerlands J/Hangaatuu Baalchaa ,gama isanitiin keessuummaa kabajaa guyyaa kanaa kan ta'an J/Daawuud Ibsaa H/D/ABO'n baga nagaan dhuftan erga jedhanii booda ,hawaasi Oromoo Nezerlands yaamicha oromummaa isaaniif godhamee kabajanii kanneen argamanii fi yaadoota hedduu ijaaraa ta'e kennuuf waltajjii kanarratti argaman mara galatonfachuun, kun tokkummaa uummata keenyaaa kanneen hawwaniif injifannoo boonsaadha jedhaniiru.
Itti dabaluunis J/Hangaatuun ,hawwasi tokko harka maratee taa'ee bilisummaa hoggana har'a nuu cinaatti arginu kanarraa qofa bilisuummaa eeguun tasa waan hin danda'amneef walijaarreee qabsoo bilisummaa oromo ABO'n gaggeeffamuuf tumsa haa goonu jechuun yaamicha Oromummaa dhiyyeessaniiru.
Marii kana irratti Oromootni biyya Germanii irraa dhufanis kan qooda fudhatani yoo ta’u ..Dhuma marii kanaa irrattis weellistootni Oromoo bebbekamoon kan akka Ilfinash Qannoo, Angaatuu Baalchaa, Habtaamuu Ayyataa fi Bakkaangahaa Margaa irratti argamanii bohaarsisaa bulaniiru. Qphii kana irraas horiin guddaan tinnisa QBO'f oolu argamuu isaa hubachuun danda’ameera.
Wlaga'iin Hawaasa oromoo Nezerlands kun akka aadaa Oromootti eebba manguddootaan eegalamee eebba manguddootaan kan xumurame..
Hawaasi Oromoo biyya Netherlands marii H/D ABO J/Dawud Ibsaa waliin godhatan.ABO Oromoo gargaaruu fi daran cinaa dhaabbachuuf murtii dabarfatan.

|