Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Godina Baalee keessatti lammiiwwan Oromoo hedduun ABO deggertu jedhamanii wayyaaneen hiraarfamaa jiran.


(Madda Oduu ABO/MOA/Onkoloolessa 22,2009) MOA akka gabaasetti dabballootni, humnootni tikaa, hidhattootnii fi lukkeewwan wayyaanee Godina Baalee keessaa ABO deggertu jedhaniii namoota nagaa qorachaa fi hidhaattis guuraa jiran.

Baalee naannolee akka Beeltoo fi Barree keessatti duulli hiraarsaa ummata irratti ba’amee jiru bal’aa ta’uu kan gabaasan maddeen keenya, namootni hidhamuus ifa godhu.

Lukkeewwan wayyaanee Aliyyoo Abdullaahi Duubee, Abdoshee Ibroo Usmaan, Jibriil Mohaammad Usmaan, Xayyib Sh/Mohaammed, Sulxaan Ahmed Mohaammed fi Ahmed Adam Boruu kanneen naannoo Beeltoo fi Barree keessaa maqaa ABOn ummata hiraarsaa jiran keessatti argamu.

Oduuma walfakkaatuun Harargee dhihaa Bookee araddaa Tayfee keessatti basaasotni wayyaanee Ahmed Guulaa fi Ahmed Haajii jedhaman ummata basaasuun miidhaa guddaa dhaqqabsiisaa akka jiran barameera. Basaasotni kunniin Bookee bakka Hara Weennii ganda Warra Kawaajaa jedhamuu keessaa maatii tokko irraa namoota 11 akka hiisisan maddeen keenya ifa godhu.

Farreen kana irraa ummatni jabinaan akka of eeggatus sabboontotni Oromoo naannoo irraa dhaamsa dabarsaniiru.

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net