Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Mootummaan Wayyaanee TPLF godina Shawaa Lixaatti Oromoota miseensa dhaaba OPDO ta’uu didan mana hidhaatti guuraa akka jiru maddeen gabaasan.

 

(Madda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 8,2009) Maddeen keenya gabaasaa nuun gahaniin akka hubachiisanitti, mootummaan Wayyaanee godina Shawaa Lixaa ona Jaldutti namoota walgahii irratti gochaa sirna isaa balaaleffatanii fi miseensa OPDO ta’uu morman mana hidhaatti guura jira.

Akka kanaan ilmaan Oromoo Hayiluu Goobanaa, Dajanee Tolasaa, Biraanuu Milkeessaa fi Kabbee Xaafaa jedhaman torbanoota lamaa oliif mana hidhaatti naqamanii hiraarfamaa kan jiran oggaa tahu, hanga ammaa mana murtiitti akka hin dhiheeffamnetu gabaafame.

Oduudhuma wal qabatee nu gaheen, achuma godina Shawaa Lixaa magaalaa Ambootti sab-boontonni Oromoo Tasfaayee Bookaa, Hayilee Fullaasaa fi Zeenaa Bachaaraa jedhaman bara 2005 fincila kakaaftan, Poolisii irratti tarkaanfii fudhattan jedhamanii hidhaan umurii guutuu itti murtaawe toorchi godhamaa jiran.

Ilmaan Oromoo kunniin Amajjii 15,2009 hidhaan umurii guutuu kan itti murtaawe oggaa tahu, yeroo ammaa kana harki isaanii Kaateenaa/Sansalataan/ hidhamee tarkaanfiin hammeenyaa irratti raawwatamaa akka jiru odeessa nu gahe irraa beekuun danda’ameera.

Waan taheef dhaabbileen kabajamuu mirga dhala namaaf dhaabbatanii fi ummatni Oromoo akka nuuf dirmtan jechuun dhaammataniiru ilmaan Oromoo kunniin.

********

Godina Shawaa Lixaa bakkoota addaa addaatti hojjettoon tajaajila hawwaasumaa ummataa kennuu malan ilmaan Oromoo gidirsuutti  bobba’an.

Yeroo ammaa ummata balaa beelaa fi dhibeen dhumataa jiruuf hojjettoon  tajaajila hawwaasumaa kennuu malan  ergamtoota wayyaanee ta’uun ummata Oromoo gidirsuutti fuula deeffachuun gabaafameera.

Wayyeenee filannoo bara 2010 dhufaa jiru kanaf jecha ergmtoota ishee bobbaasuun dhaabota mormitoota irratti shira xaxuu fi namoota ishee dura dhaabbatan irratti bobaasuu malee beelaa fi dhibee ummata fixaa jiru walumaa gala rakkoo ummata gidirsaa jiruuf ilaalcha tokkolee godhaa akka hin jirre mul’ataa jira.

Rakkoo fi dhibeen ummata fixaa jiru kun haala kanaan itti fufnaan dhumaatiin hamaan kan dhaqabu akka ta’e maddeen naannoo jiran gabaasaniiru.

Wayyaaneen rakkoo fi dhibee ummata fixaa jiru kanatti dabalee hidhaa , ajjeechaa fi hiraara addaa addaa ummatoota irraan ga’aa akka jirus dabaluun eeraniiru.

********

 Sab-boonaan Oromoo Obbo Asaffaa Tuchoo addunyaa kana irraa du’aan boqotan.

Bara mootummaa Hayle Sillaasee irraa kaasee hamma guyyaa lubbuunisanaii dabartuutti mirga ummata Oromoof falmaa kan turan sabboonaan Oromoo Obbo Asaffaa Tuchoo jedhaman Hagayya 31, 2009 addunyaa kana irraa du’aan boqotan.

Bara 1941tti kan dhalatan sab-boonaan Oromoo kun bara mootummaa Dargii irraa qabanii deeggartumaa ABOn shakamanii yeroo dheeraaf hidhamanii akka turan ibsameera.

Obbo Asaffaa Tuchoo bara mootummaa wayyaanee kana keessa yeroo hedduu mana hidhaa sirnichaa kessatti Oromumaa fi deegartumaa ABOn hiraarafamaa akka turan maddeen dabaluun habachiisaniiru.

 Sab-boonaan kun dararaa diinni irraan ga’u kamiifuu osoo hin jilbeenfaniin kutannoon dhaaba isaanii QBO ABOgaggeefamu cinaa hiriiruun gargaarsa isaan irraa barbaachisu gumaachaa turuu oduun nu gahe ni addeessa.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net