(Madda Oduu ABO/MOA/Caamsaa 11,2009) MOA akka gabaasanittii waraanni wayyaanee Godina Harargee dhihaa Onoota adda addaa keessatti argamu ummata Oromoo Oromummaan yakkee saamaa fi miidhaa adda addaa irraan ga’aa jira. Maqaa ABO deggertu, WBO nyaachiftu jedhuun namoota hidhaa, shamarranii fi hawwan gudeeduu irratti argaman.
Haaluma kanaan waraanni faashistii wayyaanee Daaruu Labuu, Ona Milqaayee fi Laga Dhungataa keessatti shamarranii fi hawwan humnaan gudeeduun balaaf akka saaxilan maddeen keenya ibsaniiru. Shamarran sadii loltoota wayyaaneen gudeedamanii miidhaan irra ga’e hospitaala naannootti geeffamanii waldhaansa akka jiranis himameera.
Gama biraan Godina Harargee bahaa Onoota adda addaa keessatti ammoo sirni wayyaanee barattoota humnaan waraanaaf galmeessuuf qophii irra jiraachuu maddeen keenya dabaluun ifa godhu. Barattoota warra dhiiraa fi dhalaa kanneen qabxiin isaanii gadi ta’e humnaan waraanaaf galmeessuuf sochii irra jiran. Duulli kun magaalotaa fi baadiyoota keessatti akka eegalamuuf ololli isaa geggeeffamaa jiraachuunis dhaga’ameera.
Sirni wayyaanee bifa haaraan dargaggoota Oromoo waraanaaf kaadhimmachuuf kan fiigaa jiruuf, jeequmsi keessa waraana isaatti ka’e jabaachaa adeemuu fi amantaa irraa dhabaa dhufuu irraa ta’uun barameera.
Gama biraan Caamsaa 05,2009 halkan magaalaa Harar keessaa namootni baay’ina qaban konkolaataa tokkoo ol ta’an bal’eessaa malee loltoota wayyaaneen qabamanii gara dabarfamuu maddeen keenya ifa godhu. Namootni kun eessa akka geeffamanis wanni beekamu hin jiru.
Wayyaanneen filannoo dhufaa jiru irratti sodaa qabdu irraa kan ka’e lammiilee Oromoo fi saboota biro hidhuuf akka karooffatte dhaga’ame.
Mootummaan wayyaanee filmaata bara 2010nii irratti na gufachiisuu malu jedhee kan sodaatu ilmaan Oromoo fi sabaa fi sablammoota biroo dharaan yakkee karaa humnoota tikaa fi ergamtoota isaan mana hidhaatti naquuf karoorfachuu isaa maddeen keessa beekan saaxilan.
Haaluma kanaan wal qabatee Godina Wallagga dhihaa maqaalaa Gimbii fi naannoo sanitti ilmaan Oromoo hedduu doorsisaa akka jiran barameera. Jiraattotni magaalaa Gimbii fi naannoo ishees gocha dhittaa mirga dhala namaa fi fallaa dimokraasii isaan irra ga’aa jiru cimsanii balaaleffachaa akka jiran maddeen SBO gabaasaniiru.
Gochi fakkaataan kun guutummaa Oromiyaa fi naannolee kaan keessatti hojii irra ooluu akka eegales gabaafamaa jira.
MOA