(Madda Oduu ABO, MOA/ Baddeessaa, 09 Onkoloolessa 2009) Oromiyaa bahaa, Magaalaa Baddeessaa keessatti namoonni jala deemtuu wayyaanee tahuun sabboontota Oromoo hiraarsaafi hiraarsisaa jiran gochaa diinummaa isaanii irraa akka dhaabbatan akeekkachiisame.
Sabboontoti Oromoo magaalaa Baddeessaa irraa Madda Oduu ABO, MOAf akka ibsanitti, ilmaan Oromoo maqaan isaanii:
- SHEEK ALIYII QUNNII --ARADDAA—02 irraa,
- DAMAQAA --ARADDAA—02 irraa,
- MUSSAA NUREE --ARADDAA—02 irraa,
- MAHAMMAD AHMAD --ARADDAA--02 irraa, fi
- GUUTTOO --ARADDAA—01 irraa ta’an, kunneen hujii diinumaa itti bobahanii jiran.
Hojiin diinummaa isaan irratti bobba’anii jiranis, sabbontoota Oromo basaasuu, hiisisuu, faraduu fi rakkisuu yemoo tahuu, gochaa diinummaa isaanii kanaanis sabboontoti Oromoo hedduun badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii callaaf hidhaafi gidiraa jalatti gidirfamaa jiran.
Obsaafi bira darboon daangaa akka qabu kan yaadachiisan sabboontoti naannoo sanii, lukkeewwan wayyaanee kunneen gochaa diinummaa kanaa fi huji diinummaa kana irraa akka dhaabatan akeekachisanii jiru.
Dhaamsi sabboontota Oromoo kun itti eda’uunis, ergamtooti diinaa kunneen yoo hujii diinummaa itti jiran kana irraa hindhaabanne tahe, tarkaanfiin maayyii kan isaan irratti fudhatamu tahuu jabeessanii hubachiisaniiru.
I.U.Of!!
|