(Madda Oduu ABO/MOA/Onkol,06,2009)Onoota Ejeree, Amboo, Daannoo, Noonnoo, Iluu Galaan (Ijaajjii), Baakkoo Tibbee fi bakkoota kaanitti dhukkubni busaa akka malee babal’atuun ummata akka malee hubaa jiraachuu maddeen keenya naannicha irraa ibsaniiru.

Namootni 90 hanga 120 ta’an guyyaa guyyaatti buufata waldhaansaa tokkotti kan yaa’an oggaa ta’u, qoricha barbaachisuu fi agoobara dhabuun lubbuun isaanii ba’aa jiraachuunis barameera.

Godinuma kanatti dhibeen koleeraa dhalate to’atnaa dhabuun akkaan babal’atee ummata fixuu itti fufuus maddeen keenya ifa godhaniiru. Mootummaan wayyaanee dhukkubichi to’atnaa jala kan gale fakkeessus amma iyyuu namoota baay’ee gaaga’aa jira jedhameera.

Keessumaahuu Ona Noonnoo gandoota 4 keessatti dhibeen kun haalaan babal’atee yeroo muraasa keessatti namoota 100 ol ta’an akka qabe gabaafameera. Ona Ada’aa Bargaa ganda 3 keessattis babal’ataa kan jiru oggaa ta’u, namoota gara mana waldhaansaatti socho’aa turan keessaa 2 karaatti kan du’an oggaa ta’u, namootni 51 ol ta’an ammoo buufata fayyaa Karkarreessa deemanii bakka dhabuun ala ciisuuf akka dirqaman hubatameera.

Ona Abuuna Gindabarat keessattis dhibeen koleeraa kun kan babal’ate oggaa ta’u, namootni 2 ol du’anii kanneen 89 ta’an ammooo du’aa fi jireenya gidduu jiru. Haalli beelaa fi dhukkubaa kun ummataa fi daa’imman akka malee hubaa jiraachuu maddeen keenya ibsanii, dhaabni jalee wayyaanee OPDOn wayta ummatni bifa kanaan dhumataa jirutti maqaa walgahiin ogeeyyota fayyaa qabuun ishee diinummaa qabdu daran kan itti mul’iftee dha jechuun maddeen keenya ibsaniiru.

Dhaabni jalee wayyaanee OPDOn dhimma fayyaa ummataaf maallaqa gargaarsaaf kenname akeeka siyaasaa gooftolii ishee irra oolchaa akka jirtu gabaafame.

 (Madda Oduu ABO/MOA/Onkol,06,2009)Gabaasi MOA akka ibsutti dhaabni jalaa wayyaanee OPDOn qarshii miliyoona digdamaa (20,000,000) ol ta’tu dhaabbanni Global Fund fi UNICEF hojii babal’isuu Extenshinii Fayyaa Oromiyaaf kennan gara dabarsuun maqaa walgahiin akeeka siyaasaa wayyaaneef oolchaa jirti.

Maallaqi ummata dhibeelee adda addaan dhumataa jiru baraaruuf kennamee hojii farrummaa wayyaaneef oolfamaa jiru kun, mata dureelee marii wayyaanotni qopheessan Sabboonummaa Dimokraasummaa Oromoo fi Hawaasa Itophiyaa, Qabsoo Ijaarsa Sirna Dimokraasii fi Warraaqsa Dimokraasii jedhuuf akka ramadame ittiin geggeeffamaa jiru mirkanaa’eera.

Hogeeyyotni fayyaa fi hojjettootni waajjiroota gara garaa walgahiilee OPDO dhumaa fi bu’aa hin qabneen qabamanii akka itti ummata tajaajilan dhabuun gidirfamaa jiraachuunis himameera. Maqaa leenjii kennuu jedhuunis hojjettoota baay’ee Xoollaayitti fe’uun akka hiraarsan barameera. Leenjii kana irrattis mormii cituun kan isaan mudateera. Namootni gariis gara kanatti wayta socho’aa turanittis balaa konkolaataa dabalatee wanneen adda addaan lubbuu isaanii dhabaniiru. 

Ogeettiin fayyaa Godina Kaaba Shawaa Ona Qimbibtit tokko kanneen du’an keessaa ishee tokko oggaa taatu, ogeeyyiin lama immoo miidhaa jabaa irra ga’een Hospitaala Daagimawii Minilikitti waldhaanamaa jiran.

Keessumattuu maqaa Muuxannoowwan Gaggaarii baba’isuu jedhuun walgahiin Godinoota Oromiyaa keessatti OPDOn geggeeffamaa jiru hiika kan hin qabne, hojjettootni kan jibbanii fi mormii irratti dhageessisan ta’uun gabaafameera.

Hojjettootni baay’een walgahii kana irraa qooda fudhataa jiran yaada maddeen keenyaaf laataniin, OPDO irraa diinummaa yoo ta’e malee, muuxannoon argamu tokko iyyuu akka hin jirree dha.