(Madda Oduu ABO/MOA/Waxabajjii 1,2009) MOA akka gabaasetti mootummaan Wayyaanee karaa mootummaa naannoo Oromiyaa ergamtuu isaa ta’een maallaqa guddaa dhangalaasee dargaggoota Oromoo of jalatti ijaaruun filannoo dhufu irratti akka isa falaniif shira xaxaa jira.
Oduun nu dhaqqabe akka hubachiisutti, sirnichi qarshii miliyoonaan lakkaa’amu karaa waajjiraalee dargaggootaa Oromiyaa keessa jiruun gadi dhangalaasuun dargaggootni Oromoo liqeeffatanii akka ittiin hojjetan, achumaanis akka wayyaanee filan taasisuuf saganteeffameera. Adeemsi wayyaanee kun dargaggoota Oromoof dhimmamee osoo hin taane maallaqaan gowwoomsuun filmaaticha irratti sagalee isaanii akka kennaniifiif yaadamee akka ta’e oduun kun ni ibsa.
*******
Lammiilen Oromoo maatii tokko tahan Obbo Salamoon Maarqoosi fi haati isaa aadde Firoo je’aman milishoota wayyaaneen qabamanii tumiinsa irra gaheen du’aa fi jireenya jiddutti argamu.
(Madda Oduu ABO/MOA/Waxabajjii 1,2009) Badii hojjatan kan hin qabne Obbo Salamooni fi haati isaa maanguddoon ganna 80 aadde Firoo je’aman ABO deeggartu maqaa je’u qofaan yakkamanii akka malee erga dhaanaman booda yeroo ammaa mana hidhaa Ona Meettaa Roobii keessatti gidirfamaa jiru. Jiraataa Ona Meettaa Roobii magaalaa Minaarree kan tahan obbo Salamooni fi haati isaa aadde Firoon Caamsaa 19/2009 hayyama mana murtiin ala milishoota wayyaaneen qabaman.
Milishoonni wayyaanee dalagaa gooltummaaf bobbaafaman kanneen halkan mana jireenya Obbo Salamoon humnaan cabsanii erga seenaniin booda yakka kana Oromoota kanneen irratti raawwatuu isaanitu gabaafme.
Adde Firoon hanga ammatti mana murtiitti kan hin dhahaatin jiran yeroo tahu miidhaa ulfaataa irra gaheen haala sodaachisaa keessatti akka argamanis gabaafameera.
MOA