Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Yaadannoon Guyyaan Goototaa Ebla 15  Konyaa  Minnesota , Konyaa Oromiyaa fi Konyaa WBO  Minnesotan Magaalaa Minneapolis keessatti qopha`ee  milkii fi  injifatnoon xumuramee jira.

Yaadannoon Gootota Oromoo kun eeba manguddootaa fi  faaruu alabaa fi gotootaan Hawisoo Caayaa Dargaggootaa kan ta`ee  Caayaa Bokkuun sirna o`aan baname.  Yaadannoo kana Dura Teessoon  Koree Qindeessituu Konyaalee Sadanuun Jaal Leylaa Abbaawarrii hawaasa Oromoo Magaalaa Lakkuu dhibtamaan lakka`amaniif, qondalootaa fi miseesnoota ABO eega simatee boode hoggana dhaaba kana ta`aan Jaal Dr. Bayaan Asoobaa Miseensa GS-ABO fi Dubbata dhaabaan waa`ee Guyyaa Goototaa fi haala Qabsoo Bilsiummaa Oromoo ABOn geggeefamuu irratti  ibsi balaaan kennamee jira.  Ibsa isaanii keessatti Jaal Bayaan guyyaan kun guyyaa Goototaa Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromoof wareegamaan hundaa akka yaadatuu fi Gotootaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn hogganamuun wareegamaan qofa akka hin tanee addesanii jiru. Akkasumas immoo guyyaan har`aa yaadannu kun guyyaa akkasuma uumamee kabajannuu osoo hinta`iin guyyaa dhugaa fi dhabii keenya ABO gootota qaqalii  bara sadeetamoota keessa guyyaa  fi bakka tokkotti dhabe akka ta`ee ibsanii jiru. Goototi kun gootota ABO qofa osoo hinta`iin Gootota Oromoo akka ta`aan illee ibsanii jiru.

Ibsa Jaal Bayaan ittiaansuun Dura Ta`aa Caayaa Bokku Dargaggoon Bayisaa Garbii qabsoo abbotiin keenya dhiga isaanii dhangalasuun, lafee isaanii cacabsuun addan gahaan kana dargaggoon Oromoo harka fudhanii galmaan gahuun qophii ta`uu isaani ibsaa isaa mata duree Qooda Fudhannoo Dargaggoota Qabsoo Bilisummaa keessatti godhee keessatti ibsee jira. Akkasumas suuraa fi maqaalee Gootota Oromoo hanga tokko kana qabatee Billboard dargagootaa Oromoon dungoo jalatti  qabsiifamee  fi abaaboon midhagee ummataaf bana ta`ee agarsiifamee gootoni qabsoo bilisummaaf wareegamaan waan isaan itti wareegaman akka lafatti hin hafnnee fi fuldurii Qabsoon Bilisummaa Oromoo ifaa ta`uu isaa agarsiisee jira,

Dhuma irratti  gaafii fi deebii, yaadaa fi mareen geggeefamee jira. Ummatai yaadannoo kana irratti argamee gumaa Gootota Oromoo basuu fi qabsoo isaan eegalaan kana bakkan gahuuf karaa barbaachisaa ta`e hundaan dhaaba isaa ABO bira dhabachuuf waada isaa  haroomsuun walgahiin dhaamsa  hogganaan xumuramee jira.   

 

Injifatnoo Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti.

Ebla 11, 2009


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net