(Madda Oduu ABO/MOA/Waxabajjii 6,2009) MOA magaalaa Harari irraa gabaasaan akka hubachiisanitti, Wayyaanee fi ergamtoonni barattoota Oromoo magaalaa Hararii baratan lukkee isaanii ta’uu didanii fi diinomfatan barattoota 80 ol ta’an qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa akka hin fudhanne dhorkuun qormaata irraa ari’anii jiran.
Diina barattoota Oromoo kan ta’an wayyaanotnii fi ergamtootni isaanii barattoota Oromoo ari’an kana guyyuma qormaatni kennamu osoo isaan hin beekin kan ugguran oggaa ta’u, mooraa mana barumsaa keessaas humna waraanaan marsanii akka eeganii fi ari’an barameera.
Tarkaanfiin mootummaa wayyaanee kun imaammata sirnichaa kan ummata Oromoo dukkana wallaalummaatti hambisuuf qabu, ilmaan isaa baratanii akka sadarkaa olaanaa irra hin geenye gochuuf hordofu ta’uun beekamaa dha.
Gabaasuma kana waliin walgqabee kan nu gahe, ergamtoon Wayyaanee ajaja moototii isaanii galmaan ga’uuf jecha ilmaan Oromoo magaalaa Ciroo fi naannoo ishee jiraatan samuun gidirsaa akka jiran maddeen keenya Ciroo irraa gabaasan.
Saamichi kunis golgaa dhaaba keenya OPDO gargaaraa kan jedhuun akka geggeeffamu barameera. Haaluma kanaan dabballootni OPDO magaalaa Ciroo fi naannoo sanatti dhaaba keenyaaf maallaqa fidaa jedhanii ummata jireenyi itti qaala’ee mankaraarsaa jiru rakkisaa jiran.
Ummatni naannoo garuu nuun beelaa fi hiyyummaan nu fixaa jira; humna ittiin mootummaa gargaarrus hin qabnu jechuun mormii qaban dhageessisaa akka jiran MOAn gabaaseera.
Kana malees ergamtootni Wayyaanee daldaltoota jimaa kellaa hunda irratti eeguun qaraxa humnaa olii itti muranii saamichaan gidirsaa akka jiran hubatameera. Sababa kanaan daldaltoonni jimaa daldalatanii jiraachuu akka dadhaban maddeen keenya beeksisanii, saamicha kanas mormaa jiraachuu isaanii hubachiisan.
MOA