Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Wayyaaneen Mirga Iccitii Dhuunfaa Lammiilee Biyyaa Cabsitee waraabaa Jirti!

(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 09, 2009) Sirni Wayyaanee mirga iccitii dhuunfaa lammiilee biyyaa seeraan ala darbuun waraabdee basaasaa jiraachuun saaxilame.

Maddi Oduu ABO hojjattuu korporeeshinii telekomunikeeshiinii Itoophiyaa yeroo ammaa hiraarsaafi dararaa wayyaanee jalaa  biyya ollaatti baqattee jirtu irraa akka gabaasetti Itoophiyaa keessa seerriifi heerri mirga iccitii dhuunfaa lammiilee tiksuufi kabachiisu kabajamaa hinjiru

Waajjira telekomunikeeshinii Itoophiyaa bakkoota garaa garaa keessatti gargaartuu operetarummaa irraa haga itti gaafatamtuu operetarootaa taatee waggaa sadii oliif hojjachaa kan turte, Shamrree Haannaa Margaa akka saaxiltetti, Itoophiyaa keessatti seerri iccitii dhuunfaa tiksu tokko illee hinjiru.

Akka heera biyyattiitti silaa, iccitiin namoota dhuunfaa kan waraabamuu malu yoo manni murtii nageenya biyyaaf barbaachisaa ta’uu itti amanee ajaje qofaa ta’uu kan dubbatte Shamarree Haannaan, ajaja wayyaanota irraa seeraan ala kennamu raawwachuu malee sababa ogummaafi seeraan diduun immoo mataa isaatiinuu yakkamaa nama taasisa jettee jirti.

Sirni wayyaanee yeroo diddaafi fincilli ummataa ka’utti sagaleefi qunnamtii ummataa ukkaamsuu malee furmaata hundee kennuu hinbeeku, kan jette Shamarree Haannaa Margaa, sirnichi dantaa ummataaf xiqqoo illee kan hinyaadne, sirna ofittummaan guutame ta’uus ifa gootee jirti.

Waajjiroota Oromiyaa keessaa waajjirri barnootaa, wajjirri qonnaafi waajjirri mana murtii haala addaatiin irratti xiyyeeffatamee akka to’atamuufi hordofamu  kan saaxilte hojjattuu korporeeshinii telekomunikeeshinii Itoophiyaa kan turte, shamarree Haannaa Margaa, itti eda’uunis, iccitii waajjiroota kunneenii callaa otuu hintaane,  bakka namooti hordofan kunneen jiran illee hordofanii humnoota tikaa wayyaaneetti himamaa jiraachuu illee saaxiltee jirti.

Akka seeraafi naamusa ogummaatti garuu iccitii namootaafi waajjirootaa qaama biraatti dabarsanii himuun dhorkaadha. Ogummaafi seera ogummaan kan hinbulle sirni wayyaanee garuu heeraafi seera mirga iccitii dhuunfaa tiksu mara cabsuun iccitii lammiilee biyya sanaa akka fedha isaatii gochaa jirti. Keessaayyuu, “ilmaan Oromoo irratti baay’ee xiyyeeffatti; darbee darbee immoo  qinijjiit   irratti xiyyeeffatti; ilmaan Oromoo kanneen akka barsiisaa, hojjattoota mana murtii, waajjira qonnaa  keessa hojjatan irratti xiyyeeffannaan guddaa nigodhama,” jechuun ilmaan Oromoo haala addaatiin basaasota wayyaaneen gidirfamaa akka jiran addeessiteetti.

Yeroo ammaatti fincilaafi diddaa biyyattii keessatti hammaachaa jiru ukkaamsuuf wayyaaneen lammiilee biyyatti basaasaafi hordofaa akka jirtu kan saaxilte, Shamarree Haannaa Margaa lammiileen biyyattii balaa mirga iccitii dhuunfaa isaanii tifkachuuf, “waan iccitii ta’e bilbilaan haasa’uu dhiisuu qaban; Waanti bilbilaan dubbatamu amansiisaa miti.” Jettee jirti.

“Biyya sana keessatti waanti fedhii wayyaaneen ala hojjatamu hinjiru; waanti akka seeraatti hojjatus hinjiru; haga fedhiifi dantaa wayyaanotaa eegetti waanti dabaa illee sirrii akka ta’etti fudhatama,” kan jette Shamarree Haannaa Margaa, sirna wayyaanee farra-mirga dhalootaa taate ofirraa kaasuuf ilmaan Oromoo iccitii isaanii dhofkatanii wayyaanee buqqisuu duula finiinsan jabeessanii akka itti fufan dhaamsa ishii dabarsitee jirti.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net