(Madda Oduu ABO/MOA/Caamsaa 25,2009) Oduun Finfinnee iraa nu ga’a akka addeessutti mootummaan wayyaanee dargaggoota kophee haxaa’uun jiraatanii fi dallaalota walitti qabuun leenjii basaasummaa keenaafii jira.
Namootni hojii basaasummaa wayyaaneef leenjifamaa jiran kun yeroo leenjii isaanii xumuratan gara hojii isaanii duraatti deebi’uun waan namooti haasa’anii fi sochii isaanii hordofuun wayyaaneef gabaasaaa galchu. Kanamalees namoota naannoo isaaniitti haaraa ta’an yeroo arganitti gabaasanii haga qabsiisuutti kan hojjetan ta’uunis ibsameera. Basaasoti kunniin hanga miseensa wayyaanee ta’uutti akka deemanis maddeen kun dabaluun hubachiisaniiru.
Oduu biraan mootummaan wayyaanee kubbaaniyoota Chaayinaa waliin wal ta’uun meeshaa ammayyaa bilibilaa fi E-mail butu dhoksaan dhaabbachuun isaa bira ga’ameera.
Oduun ejensii odeeffannoo tikaa (Information Security Agency) wayyeenee keessaa miliqee nu ga’e akka hubachiisutti, mootummaan wayyaanee kaayyoo hojii kanaaf karaa koreelee hudeesseen odeeffannoolee butaman suduudaan gara wajjira Mallas Zenaawiitti akka dabarsu barameera. Koreen kun mummicha minseeraa Mallas Zeenaawwii dabalatee minsteera ittisaa ,minsteera kominikeeshinii fi dabballoota coropireeshinii telecominicashinii keessaa walitti dhufan kan haammatee dha jedhameera.
Wayyaaneen kana dura itti fayyadamaa kan ture humnoota tikaa isaa irraa amantaa dhabuun fuula isa gara kanatti naannessaa jiraachuu kan beeksisan maddeen keenya, ummatooti biyyattii fayyadama bilibilaa fi email irratti of eegannoo cimaa akka godhan dhaamanii jiru.
Mootummaan wayyaanee karaa qaama bulchiitoota isaatiin magaalotaa fi badiyyaa keessatti opireeteroonni Telekominikeenyinii iciitii ummataa butanii waraabuun akka dhiyeessan ajaja dabarsuu isaa hojjettuun telecominikeeshinii kan turte dubree Hannaa Margaa gaafii fi deebii SBO waliin goote keessatti saxiluun isheesni yaadatama.
MOA