(Madda Oduu ABO/MOA/Waxabajjii 19,2009) Dhiha Oromiyaa magaalaa Najjootti hojjattoonni mootummaa misseesa OPDO taasimamuuf dirqaman diddaa guddaa mul’isan. Inni ammaan dura miseensa OPDO tahee jirus saba Oromoo keessatti haraamuu tahuu isaa ibsan.
Wayyaaneen hojjattoota dhalootaan Oromoo tahan kanneen miseensa dhaaba jalee isaa OPDO hin taane, guddina isaaniif malu dhorkachuu, akkasumas hojii irraa arii’uun rakkina hamaaf saaixilaa akka jiru maddeen naannoo gabaasan.
Haaluma kanaan magaalaa Najjoo kolleejjii barsisotaa keessaatti barsiisonni miseensa dhaaba ergamtuu OPDO hin taane, dabballoota OPDOn dhiibbaan irratti godhamaa jira.
Kana melees sirni abbaa irree Mallas Zeenaawwii hojjattoota mootummaa fedhii isaanii malee miindaa isaanii irraa ciruun filannoo bara dhufu fakkeessii gaggaama jedhamuuf haala mijeeffataa jira.
Oduudhuma wal fakkaatuun dhiphuu keessa seenee kan jiru mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo hedduu Xollayyitti guuree, kaan ammoo bakkuma jiranitti wal gahii fi doorsisaan gidirsaa jiraachuu maddeen keenya gabaasaniiru. Doorsisi kunis miseensa isaa akka ta’aniif sodaachisuuf ta’uunis himameera.
MOA