(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa27, 2009) Dabballootnii fi hidhattootni wayyaanee ummata Oromoo Karrayyuu fi ummata Affaar gidduutti Ona Ona Fantaallee keessatti lola qabsiisanii dhabama lubbuu namaa fi qabeenyaa dhaqqabsiisaa jiraachuu maddeen keenya ifa godhaniiru. Haaluma kanaan namootni 21 gama lamaan irraa galaafatamaniiru. Caamsaa 23,2009 Sambata darbe lola Ona Fantaallee ganda Haroo Qarsaa bakka Hallam jedhamutti ta’een gama lamaan irraa namootni 13 du’uu maddeen keenya mirkaneessaniiru. Sababi walitti bu’iinsa kanaa dabballootni wayyaanee Oromoon Karrayyuu Ona Fantaallee keessaa homaa hin qaban; kaastanii fudhachuu qabdu jedhanii Affaariin kakaasuu irraa akka ta’e oduun nu ga’e ifa godha. Affaarotni lola kana keessatti meeshaalee gugurdoo kan namootni dhuunfaa qabachuun hin danda’amne hidhatanii ummata Oromoo Karrayyuu irratti akka duulaa jirantu gabaafame. Hidhattootni sirnichaas Affaarota keessa makamanii lola kana Oromoo irratti adeemsisaa jiraachuutu gabaafame. Meeshaa gugurdaa kan Affaarota hidhachiisanii fi lolicha babal’isaa jiran dabballootaa fi hidhattoota wayyaanee akka ta’an keessa beektotni ibsaniiru. Oduuma wal fakkaatuun dabballootni wayyaanee lammiiwwan Sidaamaa kan Oromoota Gujii keessa qubatanii jaalalaan waliin jiraataa jiran wal irratti kakaasuuf shira adda addaa xaxaa akka jiran maddeen keenya gabaasaniiru. Hidhattootni wayyaanee lammii Sidaamaa tokko ofumaaf ajjeesanii Oromoon Gujii kan ajjeese fakkeessuun walitti buusuuf shira xaxaa jiran. Lammiiwwan Sidaamaa shira diinaa kanaaf saaxilamanii obboloota isaanii Oromoota Gujii waliin akka wal hin dhabnee fi irraas hin baqanne maanguddootni naannoo dhaamaniiru. Rakkoon yo jiraates akka aadaa jiruutti akka furatan dhaamsa dabarsaniiru. Shira walitti buusuu sirni wayyaanee ummata Oromoo fi Sidaamaa jiddutti dhalchee jiruun haga ammaa namooti 100itti herregaman galaafataman.
Shira wayyaanotaan walitti bu’iinsi Oromoo Gujii fi Sidaamaa gidduutti qabsiifame kun gara Awaasaatti naanna’aa jiraachuunis gabaafameera.
MOA