Walgahiin kun yeroo Hayyu Dureen ABO J. Dawud Ibsaafi Miseensa Gumii Sabaa ABO J. Odaa Xasee yeroo galma seenan ummanni ol ka’ee simannaa oowwaa fi kaa’imman Oromoo Ilillii (Abooboo) dhaan simatani jiru.
Walgahiin kun eebba manguddoo fi faaruu alaabaa kaa’iman Oromoon jalqabamte. Itti aansuun bakka bu’oonni Hawaasa Ogadeen haasawa gabaabaa godhuun qabsoon teenya tan hiree tokkicha qaban, akkuma isaanitti ummanni Oromoo kanneen mirgi isaani sarbamee fi dhiitame waan taheef qabsoo qindeefachuun barbaachisaa akka tahe dhaamsa gabaabaa hirmaatootaaf kennan.
DT Konyaa ABO Seattle hirmaatoota walgahii kanaa addatiis kanneen magaaloota adda addaa akka Portland faa irraa dufan akkasuma keesumoota Vancouver, Victoria, Calgary fi Edmonton irraa dhufan galateemfatee jira. Itti aansuun J. Odaa Xasee haasaa baniinsaa erga godhaniin booda HD ABO J. Dawud Ibsaa waltajjii irratti afeeruun, HD ABO haala gaanfa Africa, haala qabsoo Empira sana keessatti gaggeefamaa jiruu fi keessattu Qabsoo Bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoo laalchisee haasaa bal’aa fi quubsaa tahe godhanii jiru.
Jiddu jiddutiis walaloonni onnee nama kakaasan dargaggoota oromoon dhihaataa gaafiifii deebisaan yeroo bal’aaf gaggeefame jira.
Gaaffiifii deebisaa gaggeefame kanatiis quufuun hirmaatoonni walgahii kanaa battalumatti haala nama gammachisuun gargaarsa qabsoo gochuun walgahiin kun akkuma jalqabametti haala owwaan faaruu alaabaan xumuramee jira.
Injifannoo Umta Oromoof !
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
